Oduu: Mooyyaleetti walitti bu’iinsa lafa gabaatti mudateen namoonni afur madaa’an
Finfinnee, Sadaasa 18/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Booranaa magaalaa Mooyyaaleetti walitti bu’iinsa har’a Sadaasa 18, 2024 mudateen namoonni afur madaa’uu jiraattota fi aanga’aan magaalattii Addis Standard’tti himan.
Jiraataan magaalattii maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan tokko, waldhabdeen kuni har’a ganama naannoo sa’aatii 2:00 lafa gabaa re’eetti mudachuu Addis Standarditti himan.
Waldhabdeen kuni iddoo gabaa re’ee ture dhaabbii baajaajiitiif akka oolu Biiroon Geejjibaa Magaalaa Mooyyalee murtoo dabarse hordofee kan uumame ta’uu jiraataan kun himeera.
“Sababa kanaan konkolaachiftoota baajaajii fi namoota gabaa re’ee kana keessa daldalan gidduu dhagaa walitti darbachuu ture. Rasaasnis dhukaafameera,” jedhan jiraataan kun.
Walitti bu’iinsa kanaan namoonni sadii dhagaadhaan rukutamanii kan madaa’an yoo ta’u, namni kan biraan tokko ammoo rasaasa dhukaafameen miidhamee wal’aansaaf gara hospitaala galuu jiraataan kuni dabalanii himaniiru.
Walitti bu’iinsa uumame waldhabdee gosaa akka ta’e miidiyaa hawaasaa irratti odeeffamaa jiruus, jiraataan kun garuu waldhabdeen uumame siyaasaafi sabummaa of keessaa kan hin qabne fi murteen biiroo geejjibaa magaalattii dabarseen kan walqabatu ta’uu himan.
Jiraataan kun itti dabaluun, “jalqaba ummata osoo hin mariisisin iddoo gabaa re’ee ture dhaabbii baajaajii akka ta’u murteessuun sirii miti,” jedhan.
Kantiibaa Itti-aanaa magaalaa Mooyyalee Obbo Abdii Edin har’a ganama walitti bu’iinsi kun mudachuu Addis Standard’tti mirkaneessuun, sababa kanaan namoota irratti miidhaan qaqqabuu himaniiru.
“Walitti bu’iinsi kuni ijoollee baajaajii konkolaahchisanii fi namoota gabaa re’ee keessa daldalan gidduutti uumame. Sababni isaas iddoo gabaa re’ee kanatti ijoolleen kuni baajaajii waan dhaabaniifi,” jedhan.
Walitti bu’iinsa mudate kanaan namoonni afur akka madaa’an kan eeran Obbo Abdiin, kanneen keessaa tokko dhukaasa nama qawwee hidhate tokko baneen rukutamee, sadi ammoo haleellaa dhagaatin miidhamuu ibsan.
“Qaamoleen tokko tokko waldhabdee kana gara sabummaatti hololuun dantaa siyaasaatiif fayyadamuu yaadu,” jechuun waldhabdeen kuni iddoo gabaatti dargaggoota gidduutti kan uumame malee dhimma siyaasaa akka hin qabne himan.
Aanga’aan magaalattii kun itti dabaluudhaan namni rasaasa dhukaasuun miidhaa geessise to’annoo poolisii jala ooluu eeruun, hokkorri uumame to’atamuun magaalattii keessatti “guutummaan guutuutti” tasgabbiin bu’uu himaniiru. AS