ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Murni Geetaachoo Raddaan durfamu murteewwan kora TPLF 14ffaa dabarsu kamuu “fudhatama hin qabu” jedhe 

Finfinnee, Hagayya 19/2024 – Korri Dura Taa’aa Itti Aanaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) fi Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaan waamame, kora TPLF 14ffaa dura taa’aa dhaabichaa Dabratsiyoon G/Mikaa’eliin durfamu murteewwan dabarsu kamuu “fudhatama hin qabu” jedhe. 

Kora Geetaachoo Raddaan waamame kana xumuramuu ilaalchisee ibsa bahe akka agarsiisutti, walga’iin kun rakkoo Tigraay keessatti itti fufee jiru furuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, addatti qoqqoodinsa dabalatee haala siyaasaa TPLF keessa uumame irratti xiyyeeffate.

Akka miidiyaan naannichaa Dimtsi Wayyaanee gabaasetti, hirmaattonni yaa’ii kanaa miseensota Koree Giddugaleessaa TPLF kora 14ffaa paartichaa lagatan, akkasumas miseensota komishinii to’annoo fi hoggansa sadarkaa naannoo, godinaa fi aanaa kan hammateedha. 

“Korri TPLF [Dura Taa’aa paartichaa Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu] faayidaa garee tokkoof yaadamee gaggeeffamaa jiru balaa guddaa kan qabuufi gocha seeraan alaa namni hunduu dura dhaabbachuu qabuudha. Dhaaba fi ummata keenyaafis balaa ta’aa jira. Kanaaf murteen korri sun dabarsu fudhatama hin qabu,” jedha ibsichi. 

Ibsichi itti dabaluudhaan, “garee kun yaa’ii seeraan alaa kanaan miidhaa gahu kamiifuu ni gaafatama” jechuun akeekkachiiseera.

Yaa’iin Pirezidaant Geetaachoon durfame kun ibsa baase keessatti, Waliigaltee Nagaa Piritooriyaaf kutannoo qabaachuu isaa irra deebi’ee mirkaneesseera. Kana malees, naannichatti mootummaa uummataan filatame hanga hundaa’utti mootummaa yeroo naannichaa amma jiru kan deeggaru ta’uu ibseera. 

Akkasumas, kora TPLF taa’amaa jiru “seeraan ala fi dantaa murna tokkoof kan yaadame” jechuun qeeqeera. Dhaabicha baraaruuf kutannoo akka qabuus ibseera. 

Korri TPLF 14ffaan Hagayya 13, 2024 irraa eegalee hoggansa Dura Taa’aa dhaabichaa Dabratsiyoon G/Mikaa’el (PhD) jalatti adeemsifamaa jira.

Korri kun Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay fi Dura Taa’aa Itti Aanaa TPLF Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensonni Koree Giddugaleessaa 14’n lagatamee falmisiisaa ta’uus gaggeeffamuu itti fufeera. 

TPLF ibsa har’a ganama baaseen, korri gaggeeffamaa jiru kun murteewwan garagaraa dabarsuun waaree booda kan xumuramu ta’uu ibseera. AS

Related Articles

Back to top button