DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Naannolee Oromiyaa fi Amaaraatti roobni waqtiisaa hin eegne oomisha irra miidhaa geessisaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 04/2024 – Qonnaan bultoonni naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa jiran roobni waqtiisaa hin eegne roobuun oomishni isaanii sassaabbiif gahe miidhaaf saaxilamaa jiraachuu himan.

Qonnaan bulaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu ganda Alamiin Hacaaluu jedhamu keessa jiraatan Obbo Tamasgeen Balaay Addis Standard’tti akka himanitti, Onkoloolessa 24 kaasee roobni cimaa roobeen oomisha midhaanii bara kanaa irratti miidhaa guddaa geessiseera.

“Roobni itti fufiinsaan roobaa jira. Karaa nuti hin tilmaamneen nurratti miidhaa geessisaa jira,” jedhan.

Obbo Tamasgeen lafa hektaara 13 irratti midhaan akka boqqolloo, garbuu, nuugii, fi xaafii kan facaasan yoo ta’u, kana keessaa oomisha xaafii hektaara lama ta’u lolaan barbadaa’u himan.

“Gandi keenya lafa hektaara 500 ol qaba. Kana keessaa bara kana gara hektaara 450 ta’u oomishaan uwwifameera,” jedhan. Itti dabaluun, “roobni bara kana garmalee roobe midhaan keenya irratti miidhaa geessisaa waan jiruuf waaqni akka nu gargaaru fuula keenya gara kadhannaatti gooneerra” jedhan.

Gandoota 23 of keessa kan qabu aanaan Guduruu oomishaalee kanneen akka boqqolloo, xaafii, fi nuugii misoomsuun akka beekamu qonnaan bulaan kun ibsaniiru. Haa ta’u malee, roobni waqtiisaa hin eegne kun qulqullina fi baay’ina midhaanii irratti dhiibbaa geessisaa akka jiru himan.

“Roobni kun oomisha boqqolloo, xaafii, garbuu fi qamadii keenya karaa lamaan miidhaa jira. Baay’ina midhaan keenyaa hir’isuu qofa osoo hin taane qulqullina isaarratti dhiibbaa qaba,” jedhu.

Kana malees aanaaleen godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessa argaman kan akka Habaaboo Guduruu, Comman Guduruu fi Abbayyaa Comman keessattis sababa rooba garmalee roobeen rakkoo walfakkaataa mudachaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan bulaan Xilaahun Gammachuu jedhamanis rakkoo walfakkaataa himatan. Obbo Xilaahun godina Shawaa Lixaa aanaa Baakkoo Tibbee ganda Koortuu Caancoo keessa kan jiraatan yoo ta’u, erga Onkoloolessa 22 jalqabee sababa rooba cimaan rakkoo keessa jiraachuu dubbatu.

Obbo Xilaahun lafa hektaara 18 irratti oomishaalee akka garbuu, xaafii, baaqelaa, qamadii fi boqqolloo kan dhaaban yoo ta’u, aanaa Baakkoo Tibbee keessatti lolaa mudate omisha midhaanii irratti miidhaa geessisuu himan. “Oomishni bara kanaa kan jalqaba eegnee gadi bu’a,” jedhan.

”Jimaata darbe roobni cimaan baaqelaa hektaara lama irratti jiru na jalaa barbadeesse. Roobni waqtiisaa hin eegne kan bara kanaa roobaa jiru kan bara darberraa hammaata,” jechuun ibsaniiru.

Godina Harargee Bahaa keessattis roobni cimaa yeroo ammaa roobaa jiru oomisha gahe irratti miidhaa akka hin geessifneef duula sassaabbii eegalamuu biiroon qonnaa godinichaa ibseera.

Lafa hektaara kuma 562 oomishaan uwwifame keessaa oomisha gahe lafa hektaara kuma 130 irratti facaafame sassaabuu eegalamuu hogganaa itti aanaa biirichaa Abdii Mohaammad TOI’tti himaniiru.

Sababa rooba cimaan oomisha sassaabuuf gahe irratti miidhaan cimaa kan qaqqabaa jiru kutaalee naannoo Oromiyaa keessa qofa miti.

Naannoon Amaaraas qormaata wal fakkaataan mudachaa jira. Giddugaleessa Gondar aanaa Dambiyaa keessatti qonnaan bultoonni oomishni xaafii rooba dhiheenya kana roobeen dhiibbaa irra ga’uu himan.

Godina Shawaa Kaabaa aanaa Qaawwatitti Itti-gaafatamaan Garee Misooma Midhaanii kan ta’an Shawaafarraa Tashoomaa, aanicha keessa roobni waqtiisaa hin eegne hanga ammaatti miidhaa bal’aa kan hin geessisne ta’us, midhaan sassaabbiitti dhiyaate irratti balaan mudachuu akka malu yaaddoon akka jiru hubachiisaniiru.

Akka obbo Shawaafarraan jedhanitti gandoota 18 keessatti yeroo ammaa lafa hektaara 43,208 irratti midhaan facaafameera. AS

Related Articles

Back to top button