Oduu: Naannolee Oromiyaafi Amaaraatti namoonni yakka buttaafi ajjeechaa raawwatan hidhaan hanga umrii guutuutiin adabaman
Finfinnee, Sadaasa 21, 2024 – Naannolee Oromiyaafi Amaaraatti namoonni yakka buttaafi ajjeechaa raawwatan irratti adabbiin hanga hidhaa umrii guutuu murtaa’uu Sagaleen Ameerikaa gabaase.
Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Lixaa aanaa Walmaraa magaalaa Hoolataatti namoonni daa’ima umrii torbaa butuun beenyaa gaafatan sadii hidhaa umrii 11 adabamaniru.
Namooonni sadeen buttaa kan raawwatan Onkololeessa 24, 2107 ALI guyyaa sa’aatii 8:00titti daa’ima umrii torbaa Sabaamboo Geetaahun jedhamu yeroo suuqiidhaa deebi’u humnaan ukkaamsanii baajaajiidhaan butanii fudhatan.
Namoonni kunneen miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) of fakkeessuun beenyaa maallaqa birrii miliyoona tokko gaafataniiru.
Poolisiin dhimma mudate hordofuun namoota gochaa kana raawwatan too’annoo jala oolchuun mana murtii waliigalaa godina Shawaa Lixaa Sadaasa 27, 2017 ALI dhiyeessuun tokko tokkosaanirratti hidhaa cimaa waggaa 11 murteesseera.
Oduu walfakkaatuun, naannoo Amaaraa godina Giddugalessa Gondaritti namoota daa’ima waggaa sagalii takka butuun lubbuun osoo jirtuu bishaan lagaatiin akka nyaatamtu taasisuun beenyaa maallaqaa gaafatan sadii tokko tokkoo isaanii hidhaa cimaa umrii 11 akka adabaman murtaa’uu Dooche Veeleen gabaaseera.
Yakki kuni Hagayya 22, 2016 ALI yoo ta’u daa’ima Keebroon Darribee jedhamtu humnaan manaa butanii baasanii afaanshee uffataan ukkaamsanii dararaa erga oolanii booda galgala 1:30 daa’imattii laga Qayaa jedhamuun beekamutti lubbuun akka darbu taasisaniiru jedhame.
Yakkamtoonni kunneen daa’ima tana bishaan lagaa erga nyaachisanii booda beenyaa gaafachuu abbaan daa’imaa Obbo Darribee Tafarraa ibseera.
Poolisiin yakkamtoota too’annoo jala galchuun mana murtiitti dhiyeessuun himatamaan tokkoffaa hidhaa waggaa 21, yakkamaa lammaffaafi sadaffaa tokkoo tokkoosaanii hidhaa cimaa umrii guutuutiin adabamaniiru. AS