DHIMMA HAWAASAAXIINXALA ODUU

Oduu: Naannoleen gargaarsa hatattamaa hanga 70% ofiisaanitti akka dhiyeessan mootummaan federaalaa murteesse

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2024 – Mootummaaleen naannolee omisha mataasaanii omishuuniifi baajata ramaduun balaa tasaa mudatuuf gargaarsa hatattamaa hanga 70% akka taasisan mootummaan federaalaa murteesse.

Waajjiraaleen bulchiinsa balaa naannolee hundatti argaman lafa qonnaa fudhatanii miidhaan omishuun lammiilee gargaarsa barbaadan of danda’anii akka gargaaran qajeelfamni darbuun ifoomeeera.

Odeeffannoon Addis Standard qaqqabe akka ibsutti, naannoleen miidhaan gargaarsa mataasaanaaii omishuuniifi baajata ramaduun lammilee gargaarsa hatattamaa barbaadaniif hanga 70% gargaarsa akka taasisan qajeelfamni darbeera. Gaheen mootummaa federaalaa 30% qofa ta’eera.

Murteen kuni kan darbe marii manni maree balaa balaa biyyaaleessaa bara baajataa 2016 ji’a Amajjii keessa gaggeesseen ta’uu eerameera.

Odeeffannoon komishinicharraa nu qaqqabe akka agarsiisutti, Komishiniin Bulchiinsa Sodaa Balaa Itoophiyaa Komishinaroota Bulchiinsa Sodaa Balaa Naannoo waliin ta’uun marii intarneetiin  gaggeesseen haala raawwii gargaarsa namoomaa Caamsaa 18, 2016ALI gaggeessee ture gamaaggameera.

Akka ragaan komishinichaa agarsiisutti mootummaan naannoleen imaammanni bulchiinsa balaa balaa erga ragga’ee booda fayyadamtoota isaaniif gargaarsa taasisuu ni eegalu.

Waajjira Bulchiinsa Sodaa Balaa kan itti aanaa muummicha ministeeraa Tamasgeen Xiruunaatiin durfamu akka jedhetti duulli “gargaarsa eeggachuu keessaa haa baanu” jedhu gaggeeffamera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Kaayyoon guddaan marii toora interneetii Caamsaa 18, 2016 gaggeeffame kanaa adeemsa hojii qophii fi deeggarsa fi hojii hordoffii dmaaal akka ture gabaasa dhiyeessuufi gamaaggamuu akak ture ibsameera.

Komishinaroonni Komishinii Bulchiinsa Balaa Naannoolee omishaa fi oomishtummaa dabaluu, hojiiwwan istookii nyaataa fi nyaataan walqabatan qabachuu fi cimsuuf hojjechaa jiraachuu himameera.

Itti gaafatamaan naannoo Oromiyaa Busaa Gonofaa Mogas ida’ee Addis Standardiif akka mirkaneessanitti mootummaan murtee kanarra kan gahe irra caalaa gargaarsi biyya alaa hir’achaa dhufuu hordofeeti. Kana malees, “sababoota adda addaatiin, keessumattuu balaa uumamaa fi walitti bu’iinsa uumamuun, naannoleen akka hirmaatan murtaa’eera,” jedhan.

“Gargarsa kana keessaa dhibbeentaan 70 naannolee akka uwwisu, dhibbeentaa 30 kan hafe ammoo mootummaa federaalaa akka ta’u walii galleerra,” jedhan qondaalli kun.

Naannoleen baajata eessaa fidu?

Naannoleen gargaarsa dhibbeentaa 70 akkamiin argachuu danda’u jennee yeroo gaafannu Mogas  akka jedhanitti, lafa qonnaa fudhachuun miidhaan nyaataa omishuun ta’uu himaniiru. “Biiroon Qonnaa nu gargaara, sanyii filatmaa dhiyeessuun nu gargaara, ofuma keenyaan guddifnee oomishna” jedhan.

Akkasumas maallaqa qabaniin tiraaktaroota qacaruuniifi ogeeyyii ramaduudhaan qonna hojjachaa jiraachuu obbo Mogas himaniiru. Omisha qonnaa argamu gargaarsaaf walitti qabamu gargaarsa hatattamaa naanolee barbaadaniif kan raabsamu ta’uu ibseera. AS

Related Articles

Back to top button