ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Naannoo Affaaritti haleellaa diroonii “mootummaan Jibuutii raawwateen” namoonni saddeeti ol ajjeefaman

Finfinnee, Guraandhala 01/2025 – Naannoo Affaar aanaa Elida’aar ganda Siyaaruu, naannawa daangaa Itoophiyaa fi Jibuutiitti dhiyoo argamutti haleellaa diroonii Amajjii 30, 2025 raawwatameen yoo xiqqaate namoonni saddeet ajjeefamuu jiraattoonni Addis Standard’tti himan. 

Jiraataan maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate tokko haleellaan kun “halkan keessa irra deddeebiin” kan raawwatame ta’u eeruun, “namoonni saddeet ol du’aniiru” jedhe. Haa ta’u malee lakkoofsi namoota du’anii sirrii ta’e ifatti akka hin beekamne hime.

Namoota du’an keessaa dubartii ulfaa fi obbolaan lama kan argaman yoo ta’u, namoonni biroo afur miidhaan cimaan irra gahee lamaan isaanii yeroo ammaa Hospitaala Dubtiitti wal’aansa argachaa jiru jedha jiraataan kun.

Namoota ajjeefaman keessaa Mohaammad Aydaahis, Gamaa Alii Orbis, Kaakoo Alii Orbis, Alii Mohaammad Kaakoo, fi Ayishaa Baddul Alii kan jedhaman akka argaman jiraataan kun dabalee himeera. Namoota miidhaman keessaa Mayram Mohaammad Abdallaa, Faaxumaa Alii Hammad, fi Alii Mohaammad Ali kan jedhaman argamu. 

Haa ta’u malee, tarreen namoota lubbuun darbe guutuun akka hin mirkanoofne himeera.

Jiraataan kun haleellaan kun mootummaa Jibuutiin kan raawwate ta’uu himachuun, “ji’oota lama keessatti yeroo lammataaf” haleellaa dirooniin raawwatamuu ibseera. Itti dabaluudhaanis haleellaan kun “duula garee finciltoota Jibuutii ‘FRUD’ jedhamuun beekamu irratti xiyyeeffate” jedhamee raawwatamuu hime.

Jiraataan kan biraa Addis Standard dubbise, haleellaa kana waldhabdee mootummaan Jibuutii garee finciltoota FRUD waliin qabuun kan walqabatu ta’uu himeera. Akka jiraataan kun jedhutti aangawoonni Jibuutii “loltoonni FRUD naannoo daangaa buufataniiru” jechuun haleellaa kan raawwatan ta’uus, haleellaa kanaan uummanni naannoo sanaa miidhameera. 

Itti dabaluun, haleellaa kun “jiraattota naannichaa humnaan buqqisuufis kan yaadame ta’u akka malu” ibseera. 

Dhaabbanni mirga namoomaa biyyattii keessatti socho’u Liigiin Mirga Namoomaa Jibuutii haleellaan kun daran lubbuu namaa kan galaafate ta’uu ibsuun, “dubartoota afur dabalatee namoonni 14 du’aniiru” jedhe. Kana malees, “dubartootaa fi daa’imman” dabalatee namoonni biroo hedduun akka miidhaman ibseera. 

Dhaabbatichi ibsa Amajjii 31 bara 2025 baaseen, haleellaa kana “yakka waraanaa itti yaadamee namoota nagaa Affaar irratti xiyyeeffate” jechuun balaaleffateera. Akkasumas, “hanga yoomitti Turkii fi Chaayinaan mootummaa Jibuutii namoota nagaa dirooniin ajjeesu hidhachiisan?” jechuun deeggarsa biyya alaa waraana Jibuutiif godhamu qeeqeera.

Waggoota darban keessa waldhabdeen mootummaa Jibuutii fi hidhattoota FRUD jidduutti hammaatee kan dhufe yoo ta’u, gareen kun humnoota nageenyaa biyyattii irratti haleellaa raawwachuu isaatiin himatame. 

Onkoloolessa bara 2022 haleellaa Reejimentii Tadjourah irratti raawwatameen loltoonni torba ajjeefamuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Jibuutii beeksisuu ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button