ODUUSIYAASA

Oduu: Naannoo Amaaraatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin Bulchaan aanaa Efraataa Gidim ajjeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 03, 2024 – Haleellaa hidhattoonni halkan Sanbata duraa raawwataniin bulchaa aanaa Efraataa Gidim kan ta’an obbo Albis Adafraash ajjeefamuu biiroon sab-qunnamtii aanichaa beeksise.

Akka ibsa biirichaatti, Albis kan ajjeefame “humnoota finxaaleeyyii” naannicha keessa socho’aniin mana jireenyaasaa keessattiidha.

Ajjeechaan Albis kuni qaamaa duula ajjeechaa aanga’aoota naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffamaa tureeti. Bulchaan aanaa Laastaa Geetaachoo Mallas haleellaa Caamsaa 01, 2024 gaggeeffameen ajjeefamuun gabaafamee ture.

Aanga’ichi yeroo marii magaala guddoo godina Kaaba Walloo Waldiyaatti gaggeeffamaa turerraa deebi’aa turanitti iddoo magaala Laalibalaatti dhiyeenyatti argamutti rasaasaan ajjeefamaniii ture. Namni biraa aanga’icha waliin ture tokko ajjeefamuufi kan biraa tokkos madaa’ee ture.

Kana malees, Adoolessa 2023 keessa itti gaafatamaan biiroo nageenyaa godina Shawaa Kaabaa Abduu Huseen akkasuma “namoota eenyummaansaanii hin beekaminiin” madeeffamuun sa’aatii 24 booda lubbuunsaa darbuun ni yaadatama.

Ajjeechaan Abduu dhagahamuu hordofee sa’aatii 24v keessatti aanga’oonni godina Gojjaam Bahaa aanaa Dajan ajjeefamuun dhagahamee ture.

Hogganaa qajeelcha pooilsii Inspeektar Zawduu Taaddaleefiitti gaafatamaan biiroo ittisa yakkaa itti aana inspeektaraa Warquu Shimallis yeroo adeemsa qormaata kutaa saddeettaffaa gamaaggmaa turanitti ajjeefamaniiru.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Girmaa Yashixlaafi anmoonni sa waliin turan shan Ebla 2023 keessa ajjeefamuun ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button