DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Naannoo Amaaraatti haleellaa kaampii baqattootaa irratti raawwatameen baqattoonni Sudaan lama ajjeefaman 

Finfinnee, Adoolessa 22/2024 – Naannoo Amaaraa godina Gondar Lixaatti kan argamu kaampii dahoo baqattootaa Awlaal irratti haleellaa Sanbata darbe Adoolessa 20, 2024 raawwatameen lubbuu baqattoota Sudaan lama yoo darbu, baqattoonni 10 madaa’aniiru. 

Miidiyaan biyya Sudaan maddeen wabeeffachuun akka gabaasetti, haleellaa hidhattootaan raawwatame kanaan baqattoonni Sudaan lama battalumatti lubbuun isaanii yoo darbu, 10 madaa’aniiru. 

Haleellaan kun kan raawwatame bakka bu’oonni Komishinii Baqattootaa fi Baqaa Deebitoota Itoophiyaa naannicha daawwatanii erga deebi’an booda ta’uu himameera.

Torban tokko dura naannoo Amaaraa iddoo kaampii baqattoota Sudaanitti dhihoo jirutti walitti bu’iinsa humnoota nageenya mootummaa fi hidhattoota gidduu uumameen, poolisoonni federaalaa sagal ajjeefamuu fi baqattoota irratti miidhaan qaqqabuu ni yaadatama.

Haleellaa fi saamicha irra deddeebiin raawwatamuun walqabatee baqattoonni hedduu kaampii isaanii gadhiisanii bosona dhiyeenyatti argamu jiraachuu erga eegalan bubbuleera. Baatii Caamsaa keessa qofa baqattoonni 1000 ta’an kaampii Kumar fi Awlaal gadhiisanii bahaniiru. 

Naannoo Amaaraa godina Gondar Lixaatti kan argaman kaampii baqattootaa Awlaalaa fi Kumar baqattoota Sudaan, Eertiraa fi Sudaan Kibbaa irraa dhufan simatu.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Waajjirri Dhimma Baqattootaa (UNHCR), baqattoota Sudaan kaampii keessa argaman gara bakka biraatti jijjiiruuf murteessuu gabaafame ture.

Haaluma kanaan, dhaabbatichi baqattoota kanneen gara naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa dabarsaa akka jiru ibsameera. AS 

Related Articles

Back to top button