ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Naannoo Amaaraatti “hidhaan jumlaa” raawwatamuu Amineestiin ibse, gochaan kuni akka dhaabbatus gaafate

Finfinnee, Sadaasa 07, 2024 – Amineestii Intarnaashinaal naannoo Amaaraatti “hidhaan jumlaa” humnoota mootummaa federaalaafi naannichaatiin Fulbaana 28, 2024 irraa kaasee gaggeeffaamaa jira jechuun ” akka dhaabbatu gaafate.

Amineestiin ibsa Sadaasa 06, 2024 baaseen, naannoo Amaaraatti namoonni nagaa kumaatamaan lakkaa’aman buufataalee hidhaa yeroo alidileetti hidhamanii argamu jedheera.

Dhaabbatichatti daayreektarri Bahaafi Kibba Afrikaa Tigeeree Chaagutaa, “hidhaan kuni bara dhiittaa mirga naoomaa Itoophiyaan eegaltee agarsiisa,” jechuun namoonni baay’inaan hidhamaa jiraachuu dubbataniiru.

Buufataaleen tursiisa hidhamtootaa afur kan magaala Daanglaa, Saraabaa (Ciilgaa), Coorrisaa (Kombolchaa) fi Shawaa Roobititti argaman humnaa ol guutamanii jiraachuu gabaasni Amineestii ibseera.

Buufata tursiisa yeroo Daanglaatti hidhamtoonni 1,600 hidhamanii akka argaman namni kanaa dura hidhamee gadhiifame natti himeera jechuun Amineestiitti gabaaseera. “Meeshaa waraanaa hidhatanii mana kootti cabsanii seenuun sababa tokko osoo natti hin himin ijoollee koo fulduratti na hidhan,” jedheera.

Miseensonni qaama seeraarratti xiyyeeffannoon akka taasifamu eeruun abbootiin murtii sagaliifi abbootiin alangaa seeratti osoo hin dhiyaatin hidhamanii argamu jedheera.

Hidhamtoonni kunneen sababa hojiisaanitiin hidhamuu eeruun abbaan alangaa tokko,” waggoota 30 hojjadhe keessatti seer-dhabdummaa akkasii argee hin beeku,” jedheera.

Waldaan abbootii alangaa naannoo Amaaraa hidhaa jumlaa kana balaaleffatee ture. Abbootiin alangaa 35 ta’an hidhamanii turan booda garuu gadhiifamuu addeesseera. Abbootiin alangaa saddeet garuu ammas hidhamanii argamu jedheera.

Kana malees, barsiisota Yuunivarsitii Walloo 11 mooraa tursiisa Coorrisaaatti hidhamanii turan torban darbe keessa mana murtiitti dhiyaataniiru.

Gabaasa walfakkaataan Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa Onkololeessa 23 baase ji’oota Waxabajii 2024 hanga Sadaasa 2024 keessa naannolee Amaaraafi Oromiyaa keessatti namoonni 23 humnaan dhabamsiifamuu eereera. Namoonni dhuunfaa iddoo hojiifi mana jireenyaatii qaamolee seera kabachiisaniin konkolaataan fudhatamuu ibseera.

Hawaasni idiladdunyaa aanga’oota Itoophiyaa waliin mari’achuun sarbiinsi akkasii akka dhaabbatu Amineestiin gaafateera.

Naannoon Amaaraa lola hidhattoota Faannoofi humnoota mootummaa gidduuti taasifamuun ji’oota 14 darbaniif hokkoramaa tureera.

Ibsa waloo mootummaan federaalaafi mootummaan naannichaa Onkololeessa 2024 baasaniin “duulli seera kabachiisuu” eegaluu ifoomsuu hordofee haleellaan naannichatti dabaluu ibsameera.

MM Abiy ibsa paarlaamaaf tibbana laateen mootummaan qaamoleee hidhatanii naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessa socho’an waliin marii gaggeessaa jiraachuu himeera. AS

Related Articles

Back to top button