ODUUSIYAASA

Oduu: Naannoo Amaaraatti itti gaafatamtuun waajjira bulchiinsaa aanaa Qeewoot ajjeefaman

Finfinnee, Waxabajjii 07, 2024 – Naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaatti itti gaafatamtuun waajjira bulchiinsa aanaa Qeewoot ajjeefamuun himame.

Itti gaafatamtuun aanaa Qeewoot Aadde Milishuu Baqqalaa Waxabajjii 05, 2024 ajjeefamuu bulchiinsi aanichaa ifoomseera. Aadde Milishuun “humnoota finxaaleyyii” hidhatanii socho’aniin magaala Qeewoot keessatti ajjeefamuun ibsameera.

Milishuun ulfa yemmuu taatu rasaasa “humnoonni finxaaleeyyii” dhukaasaniin rukutamuun ajjeefamte jechuun gochaa kana bulchiinsi aanichaa balaaleffateera. Dubartii ulfatti dhukaasuunsaanii gara jabina “qaama shrorkeessaa’ kanaa agarsiisas jedheera.

Duula seera kabachiisuu gaggeessuun nageenyaafi haqa tiksuuf kan hojjatu ta’uu bulchiinsi waadaa galeera.

Oduu walfakkaatuun, itti gaafatamaan aanaa Gidam Obbo Alibs Adafraash haleellaa halkan raawwatameen qe’eesaatti Sanbata Duraa darbe keessa ajjeefamuun ni yaadatama.

Kana malees, bulchaan aanaa Laastaa Geeataachoo Mallasaa Caamsaa 2024 keessa ajjeefamuun ni yaadatama.

Adoolessa 2023 keessa itti gaafatamaan biiroo nageenya godina shawaa kaabaa Obbo Abduu Huseen namoota hin beekamneen rasaasaan erga rukutamee booda boqotee ture.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Obbo Abduun rukutamanii sa’aatii 24 keeessatti aanga’oonni biiroo nageenyaa godina Gojjaam Bahaa lama obbo Zawduu Taaddaleefi itti aanaan Inspeektaraa Warqquu Shimallis ajjeefamaniiru. AS

Related Articles

Back to top button