Naannoo Amaaraatti ji’oota jaha keessa namoonni 83 dhibee busaan du’an; Oromiyaatti fooyyee agarsiisuu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 13/2025 – Naannoo Amaaraatti bara 2017 ALI ji’oota jalqabaa jahaan darban keessa sababa dhibee busaatin lubbuun namoota 83 darbuu Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Amaaraa beeksise. Kunis lakkoofsa du’aatii namaa bara darbe yeroo walfakkaataatti ture irraa caalmaa 68 akka qabu ibse.

Akka Inistitiyuuitichi ibsetti, baatilee jahaan darban keessatti namoonni 1,454,282 dhibee busaatiin qabamuu isaanii kan gabaafame yoo ta’u, kunis kan bara darbe yeroo kana ture irraa caalmaa 62.6% akka qabu ibsameera.

Naannoon Amaaraa dhibbeentaa 80 kan ta’u tatamsa’ina dhibee busaaf mijataa akka ta’e kan eere inistitiyuuitichi, uummanni naannichaa % 82 ta’u dhibee kanaaf saaxilamoo ta’uu ibseera.

Kana malees, tatamsa’ina dhibee busaa %90 ta’u kutaalee lixa naannoo Amaaraa jiran kan uwwisu ta’uu dabalee eereera.

Gama biraatin naannolee Oromiyaa fi Kibba Lixa Itoophiyaa keessatti sosochii busaa balleessuu gaggeeffameen tatamsa’inni dhibee Busaa hir’achaa jiraachuun hoggantoonni biiroo fayyaa naannolee lamaan ibsaniiru. 

Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr Tasfaayee Kibabaw FBC’tti akka himanitti, naannichatti kanaan dura torbanitti namoonni 160,000 ol dhibichaan qabamaa turuu ibsuun, amma garuu hojii ittisaa hojjetameen baay’inni namoota dhibichaan qabamanii gara 60,000tti hir’achuu ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Kibba Lixa Itoophiyaattis hojii hojjetameen tatamsa’inni  dhibichaa %78 gadi bu’uu hir’achuu Daayrikteerri Misooma Fayyaa fi Ittisa Dhibeewwanii Biiroo Fayyaa Naannichaa Dr Indaalee Saahilee dubbataniiru. 

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) waa’ee tatamsa’ina dhibee busaa Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisee gabaasa tibbana baaseen, Amajjii 01 hanga Onkoloolessa 20, 2024 gidduutti namoota miiliyoona 7.3 ol dhibichaan qabamuu fi du’a namoota 1,157 galmaa’uu ibseera. 

Akka dhaabbatichi jedhutti dhukkubni busaa ammallee yaaddoo fayyaa guddaa ta’ee kan jiru yoo ta’u, lafti biyyattii dhibbeentaa 75 fi ummata ishee keessaa harki 69 keessumaa daa’imman balaa guddaadhaaf saaxilamu.

Yaaddoo dhibee busaa Itoophiyaa keessa jiru ‘baay’ee hamaa’ jechuun ramadeera. Kunis sababoota akka babal’ina bookee busaa  ‘Anopheles stephensi’ jedhamu, hongee, wabii nyaataa dhabuu, jijjiirama qilleensaa, fi walitti bu’iinsa adeemaa jiruun kan hammaatu ta’uu ibsameera. AS

Exit mobile version