Oduu: Naannoo Amaaraatti Koleeraan lubbuu namoota sadii dabarse,160 ol faalaman

Finfinnee, Guraandhala 07, 2025 – Weerarri Koleeraa naannoo Amaaraatti akka haaraatti ka’uu hordofee lubbuun namoota sadii darbuufi 160 dhukkubichaan faalamuu Koomishinii Awurooppaatti dhaabbanni Eegumsa Siviliifi fi Duula Gargaarsa Namoomaa Awurooppaa beeksise.
Dhaabbatichi ibsa Guraandhala 06, 2025 baaseen, Gondar Lixaa aanaa Quwaaraatti namoonni 122 dhibee qabamuufi Ganda Wuhaatti lubbuun namoota sadii darbuu, akasumas, Godina Giddugaleessa Gondaritti namoonni sadi qabamuufi tokko du’uufi magaala guddoo naannoo Amaaraa Baahir Daaritti namoonni 33 faalamuun ibseera.
Weerarri kuni taatee “bishaan qulqulluu Goorgisii”.aanaa Quwaaraatti argamu kan namoonni hedduu itti argamaniin kan walqabatu ta’uu eerameera. Weerarri kuni yoo babal’ate “badii kana caalu qaqqabsiisuu” akka danda’u himameera.
Yaaliin weeraricha ittisuuf taasifamu “rakkoo nageenyaafi qaqqabsiinsaa” naannicha keessa jiru kan humnoonni mootummaafi hidhattoonni Faannoo ofiin jedhan wal lolaa jiraniin danqameera.
Tooftaa Deebii Hatattamaa Itoophiyaa (ET-RRM) kan hanga ta’e faaynaansii dhaabbata DG ECHO jedhamuun deeggaramu weerara kana too’achuuf hojjachaa jiraachuu ibsameera. Kana malees, Koorpisiin Yaala Idiladdunyaa, DG-ECHO, Dhaabbata Waldaa Addunyaafi Qorichi Daangaa Malee waliin ta’uun duula kana tumsaa jiru jedhame.
Weerarri kuni kan mudate erga biyyattii keessatti weerarri Koleeraa kan Waxabajjii 2022 keessa eegale daran gadi bu’uu himamee boodadha.
Akka Buleetiinii Kilaastara Fayyaa Itoophiyaatti lakkoofsi aanaalee weerarichi Fulbaana keessa mul’ate 65 ture walakkaa ji’a Sadaasa bara 2024 keessa gara 25 tti gadi bu’ee ture. Lakkooofsi weerara torbaniin mudatuu 200 ture gara 59tti gadi bu’eera.
Haa ta’u malee, weerarri haaraan naannoo Beenishaangul Gumuzitti “baqattoota naannoo Amaaraaatii buqqaafamaniin” tamsa’uu Bulletiinichi gabaaseera.
Kanaa maalees, jiraattonni godinoota Addaa Oromoo, Walloo Kibbaafi Gojjaam Kaabaa kan akka magaalota Dassee, kombolchaa, Baahir Daariifi Gondar weerarichaan faalamaniiru. Weerarri ji’oota Adooleessaafi Muddee 2023 keessa mudatee ture jiraattoota naannichaa 4,980 o hubee ture. AS