ODUUSIYAASA

Oduu: Naannoo Amaaraatti tajaajilli intarneetii gara waggaa tokkoof cufamee ture deebi'ee eegale

Finfinnee, Adoolessa 15/2024 – Naannoo Amaaraa magaalota 19 keessatti tajaajilli intarneetii Hagayya 2023 addaan citee ture irra deebiin gadi lakkifameera. Haata’u malee, saffisni isaa “baay’ee gadi aanaa” ta’uu himameera. 

Tajaajilli intarneetii kun sababa walitti bu’iisa humnoota mootummaa fi Faannoo gidduu gaggeeffamaa jiruun labsii yeroo muddamaa hojiirra oole hordofee addaan cite. 

Magaalota Dasee fi Baahirdaar dabalatee jiraattonni magaalota adda addaa, kaleessa Adoolessa 14 irraa eegalee tajaajilli intarneetii daataa eegaluu mirkaneessaniiru. Haata’u malee, saffisni isaa “baay’ee gadi aanaa” ta’uu himan. 

Jiraataan magaalaa Dasee tokko Addis Standarditti akka himanitti, “namni hundi itti fayyadamaa waan jiruuf dhiphinni jira; dhufee ni deema.” Saffisni isaa baay’ee gadi aanaa ta’uus, deebi’uu isaatiin gammaduu ibsaniiru.

Hundeessaan Giddugala Guddina Mirgoota fi Dimokiraasii (CARD) kan ta’an Bafiqaaduu Haayiluu, naannoo Amaaraatti tajaajilli intarneetii deebi’ee eegaluu Standard’f mirkaneesseera.

Akka Bafiqaaduun jedhetti, tajaajilli intarneetii broodbaandii kanaan dura hojjechaa  kan ture yoo ta’u, amma kan deebi’e tajaajila daataa moobaayilaa ta’uu himeera. Sababni saffisni intarneetii gadi aanaa ta’eef qoratamaa akka jiru hubachiiseera.

Tajaajilli intarneetii yeroo dheeraaf cufame ture kun xiyyeeffannoo idil-addunyaa harkiseera.

Fulbaana 2023 keessa gamtaan ‘KeepItOn’, dhaabbilee mirga namoomaa 300 ol biyyoota 105 irraa of keessaa qabu, mootummaan Itoophiyaa tajaajila interneetii naannoo Amaaraa keessa addaan cite deebisee akka eegalchiisu waamicha dhiyeessee ture. 

Amajjii bara 2024 Addis Standard gabaasa Top10VPN wabeeffachuun akka gabaasetti, sababa cufamuu intarneetiin Itoophiyaan bara 2023 keessatti kasaaraan dinagdee doolaara biiliyoona 1.9 ta’u galmeessuu ibseera. AS

Related Articles

Back to top button