ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Naannoo Amaaraatti torban lamaan darban keessa hidhaan ajaja mana murtii malee baay’achuu KMNI ibse

Finfinnee, Onkoloolessa 07/2024 – Naannoo Amaaraa keessatti walakkeessa baatii Fulbaana eegalee namoonni hedduu ajaja mana murtii malee hidhamuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa beeksise. “Hidhaan raawwatamu kamiyyuu tumaalee seeraa fi mirga namoomaa hordofuu qaba” jedhe. 

Komishinichi ibsa kaleessa Onkoloolessa 06, 2024 baaseen hidhaan tumaalee fi qajeeltoowwan mirga namoomaa hin eegne hatattamaan akka dhaabbatu gaafateera.

Naannoo Amaaraa magaalota Gondar fi Baahirdaar dabalatee naannolee adda addaa naannichatti hidhaan raawwatame “akkaataa seeraa fi ajaja mana murtiitin kan hin raawwatamne ta’uu, akkasumas shakkamtoonni mana murtii kan hin dhiyaanne ta’uu” ibseera.

Hojjettoota mootummaa, miseensota paartii siyaasaa, miseensota miidiyaa fi waldaalee siivikii dabalatee namoonni hedduun gara bakka tursiisaa yerootti geeffamaa akka jiran kan eere komishinichi, namoota kanneen keessaa hordoffii fayyaa dhaabbataa kan barbaadan akka argaman ibse. 

Yeroo waldhabdee jiruufi nageenyi dhabamutti illee namoota hidhannoo hin qabne hidhuudhaaf sababni seeraa gahaan jiraachuu isaa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu Itti aantuun Komishinara KMNI Raakeb Massala hubachiisuu isaanii ibsichaan eerameera.

“Haalota addaa muraasa ala ajajni hidhaa fi tursiisaa manni murtii kenne jiraachuu, akkasumas erga hidhamanii sa’aatii 48 keessatti mana murtiitti dhiyaachuu isaanii mirkanaa’uu qaba,” jedhan.

Qaamni kamiyyuu namoota nagaa fi dhaabbilee siiviilii irratti xiyyeeffachuu fi sochii guyyaa guyyaa jiraattotaa jeequu irraa of qusachuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.

Amnastii Intarnaashinaal ibsa Onkoloolessa 01, 2024 baaseen, mootummaan “naannoo Amaaraa keessatti hidhaa jumlaa raawwachaa jiru olaantummaan seeraa biyyattii keessatti akka malee badaa jiraachuu agarsiisa” jechuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Mootummaan gama isaatiin ibsa baaseen naannoo Amaaraa keessatti duula olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeessaa akka jiru beeksiseera. AS

Related Articles

Back to top button