
Finfinnee, Amajjii 08/2025 – Naannoo Kibba Itoophiyaa godina Koree gandoota Kareedaa fi Jaloo jedhamanitti haleellaa hidhattoonni Amajjii 06, 2025 raawwataniin qonnaan bultoonni lama ajjeefamuu maatiin miidhamtootaa Addis Standard’tti himan.
Jiraataan aanaa Kareedaa miseensa maatii miidhamaa ta’uu himu Addis Standard’tti akka himetti, haleellaan kuni Wiixata darbe guyyaa keessa naannoo sa’aatii 5:30 hanga 6:30 giddutti raawwatame.
Hidhattoonni haleellaa kan raawwatan Naannoo Oromiyaa Godina Gujii Lixaa irraa dhufan ta’uu kan eere miseensi maatii kun, haleellaa kanaan qonnaan bultoonni Antaayyoo Zholaanaa fi Admaasuu Asaffaa jedhaman ajjeefamuu himeera.
Akka miseensi maatii miidhamaa Addis Standard dubbise jedhutti, hidhattoonni godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa irraa dhufan jedhaman kunneen guyyaa walfakkaataatti gandoota Kareedaa fi Jaloo keessatti haleellaa raawwachuun lubbuu qonnaan bultoota lama galaafatan.
Jiraataa ganda Kareedaa kan turan qonnaan bulaa Antaayyoo Zholaanaan hidhattoota aanaa Galaanaa ganda Shaamolee Shiddaa irraa dhufaniin guyyaa keessa naannoo sa’aatii 5:30tti ajjeefaman.
Qonnaan bulaa Admaasuu Asaffaa ammoo ganda Jaloo keessatti guyyaa keessaa naannoo sa’aatii 6:30tti hidhattoota godina Gujii Lixaa aanaa Gaalaanaa ganda Bultoo Jaldeessaa irraa dhufaniin ajjeefamuu miseensi maatii kun hime.
Jiraataan maqaan isaa akka eeramne gaafate kan biraan gama isaatin haleellaan hidhattootaa kun guyyoota lamaaf walitti aansee [Wiixata fi Kibxata] raawwatamuu eeruun, taatee kanaan jiraattoonni gadduu hime.
“Ummanni godina Koree gadda ulfaataa keessa ta’ee ayyaana Qillee dabarse,” jedhe.
Hidhattoonni godina Gujii Lixaa irraa dhufan jedhaman kunneen “kaayyoo lafa babal’ifannaa” qabu jechuun, kan waldhaban lafa marga dheedichaarratti ta’uu jiraataan kun dabalee himeera.
Jiraataan godinichaa kun itti dabaluun, hidhattoonni kunneen ajjeechaa erga raawwatanii booda loowwan qonnaan bultootaa saamuu hime.
Dhimma kanarratti aanga’oota naannichaa fi godina Koree dubbisuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.
Naannoo Kibba Itoophiyaa godina Koreetti haleellaan akkanaa yeroo raawwatamu kun kan jalqabaa miti. Kanaan dura irra deddeebiin haleellaa walfakkaataa raawwatamuun qonnaan bultoota dabalatee lubbuun namoota nagaa darbuu Addis Standard gabaasaa tureera.
Muddee 22, 2024 Naannoo Kibba Itoophiyaa godina Koree aanaa Gorkaatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin qonnaan bultoonni lama “haala sukaneessaan” ajjeefamuu Addis Standard aanga’aa gandichaa fi jiraattota wabeeffachuun gabaasuu ni yaadatama.
Hidhattoonni haleellaa kana raawwatanis “hidhattoota ABO-Shanee Gujii Lixaa irraa dhufan” ta’uu jiraattoonni himaniiru. Bulchaan Itti-aanaa Ganda Qoree Obbo Dastaayee Yohaannis gama isaaniin, qonnaan bultoota lamaaniin alatti namni kan biraa tokko ajjeefamuu himan.
Ji’a Amajjii 2024 daangaa Naannoo Kibba Itoophiyaa fi Godina Gujiitti haleellaa hidhattootni eenyummaan isaanii hin beekamne raawwataniin miseensota milishaa Oromiyaa godina Gujiitti ramadaman lakkoofsaan 12 ajjeefamuu fi lama biroo madaa’uu ni yaadatama. AS