Finfinnee, Muddee 06/2024 – Naannoo Oromiyaatti aanga’oota fi qaamoleen nageenyaa daa’immanii fi dhukkubsattoota sammuu dabalatee namoota hedduu fedhii isaanii malee leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaatif jecha qabuu isaanii Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibse.
Daa’imman dabalatee namoota ulaagaa Raayyaa Ittisa Biyyaatin ala humnaan qabaman gadhiisisuuf maatiin maallaqa guddaa akka kafalan aanga’otaan dirqisiifamuu komishinichi qorannoo gaggeesseen mirkaneessuu gabaasa Muddee 05, 2024 baaseen ibseera.
KMNI Sadaasa 13 hanga Sadaasa 29, 2024 wiirtuuwwan tursiisa miseensota leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaatif qophaa’an magaalota Adaamaa, Bishooftuu, Jimmaa fi Shaashamannee argamanitti daawwannaa taasiseera.
Namoota iddoowwan tursiisa kanneen keessa jiran, maatii akkasumas dhaabbilee milishaa fi poolisii dabalatee aanga’oota mootummaa sadarkaa naannoo hanga gandaa jiran dubbisuuf gabaasichi qopheessuu ibseera.
Magaalota komishinichi qorannoo gaggeesse keessaa tokko kan taate Shaashamanneetti daa’imman umrii 18 gadi ta’an “gara leenjii waraanaa galtu” jedhamanii galma tursiisa keessa akka galan taasifamuu mirkaneesseera.
Magaalaa Shaashamanneetti namoota 32 galma tursiisa tokko keessa turan keessaa 14 daa’imman umuriin isaanii 15 hanga 16 kan ta’e, tokko ammoo daa’ima ganna 11 ta’uu komishinichi mirkaneessuu ibseera.
Daa’imman iddoo tursiisa kana keessa jiran keessaa lama mana barumsaatii yeroo galaa turan uffata mana barnootaa (yuunifoormii) isaanii waliin qabamanii torban lamaa oliif kan tursiifaman ta’uu ibsameera.
Namoota umurii 18 ta’anis fedhii isaanii malee miseensota milishaa fi poolisiin kan qabaman, kana keessaa gariin isaanii bakka hojiitii yeroo galan kan qabaman ta’uu ibsaniiru.
Miseensonni milishaa tokko tokko namoota kanneen humnaan erga qabanii booda gadhiisuuf maallaqa hedduu gaafachaa kan turan kan eere komishinichi, taateen kun keessattuu magaalaa Adaamaatti bal’inaan mul’achuu ibseera.
Magaalaa Adaamaa keessatti namoota haala kanaan qabaman gadhiisisuuf maallaqa hanga birrii 100,000 gaafatamaa turuu maatii namoota kanneen irraa odeeffachuu ibseera.
Komishinichi aanga’oota Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa, akkasumas aanga’oota magaalota Jimmaa fi Shaashamannee dubbise rakkoon kun jiraachuu amanuufi tarkaanfii fudhachuuf waadaa galuu isaanii gabaasichaan eereera.
KMNI magaalota Shaashamannee fi Jimmaatti marii aanga’oota waliin taasifameen daa’imman 8 fi nama dhukkubsataa sammuu tokko dabalatee namoota seera fi ulaagaa RIB ala qabaman 36 gadhiisisuu ibseera.
Komishinichi qaamolee bulchiinsaa fi nageenyaa maannichaa daa’imman dabalatee namoota seeraan alaa qaban, akkasumas maallaqni akka kafalamu dirqisiisan irratti qorannoon gaggeeffamee itti gaafatamummaan akka mirkanaa’u hubachiiseera.
Naannoo Oromiyaa magaalota hedduu keessatti taateen namoota fedhii isaanii malee humnoota nageenyaa mootummaatin ukkaamfamanii gara leenjii waraanaatti ergamuu fi gadhiisuuf maallaqa gaafatamuun hammaachuu Addis Standard jiraattota dubbisuun gabaase ture.
Haata’u malee Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa Sadaasa 15, 2024 baaseen, humnoonni nageenyaa mootummaa gocha maallaqaaf nama ukkaamsuu keessatti hirmaachuu tamsaasuun “olola bu’uura hin qabne” fi “maqa balleessii” jechuun kuffiseera. AS