ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Naannoo Oromiyaatti gurmaa’insa caasaa bulchiinsa gandaa “erga bara 1967 as isa guddaadha” jedhame hojiirra oole

Finfinnee, Fulbaana 03/2024 – Naannoo Oromiyaatti “rakkoo kenna tajaajilaatiin walqabatu furuufi hawaasni itti dhiheenyaan tajaajila akka argatuuf” gurmaa’insa haaraan sadarkaa aanaa fi gandaatti Fulbaana 02, 2024 eegalee hojiirra ooluu ibsame. 

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gurmaa’insa caasaa mootummaa sadarkaa aanaa fi gandaa haaraa hojiirra oolchuu eegale kun bu’aalee kan akka “hawaasa bal’aatti dhiyaachuu, kenna tajaajila fooyyeessuu, nagaa waaressuu, haqa waloo fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, akkasumas mootummaa cimaa ijaaruu” akka qabaatu ibseera.

Caasaan haaraan kun gandoota baadiyyaa fi magaalaa Oromiyaa hunda keessatti hojiirra ooluu eegaluu eerameera.

Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaanis gurmaa’insa kana ilaalchisee ibsa bal’aa fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti baasaniin, mootummaan naannichaa gurmaa’insa mootummaa gandaa tajaajila si’ataa, hammayyaa’aafi qaqqabamaa ta’e kennuu danda’utu mala ejjennoo jedhuun, gurmaa’insi kanaan dura ture irra deebiin akka hojjetamu murteessee gara raawwiitti galuu ibsaniiru. 

Tarkaanfiin kunis, “erga caasaan Gandaa yeroo jalqabaatiif bara 1967 ALI gurmaa’ee as, murtoo guddaa mootummaa ummatatti dhiyeessuuf taasifameedha,” jedhan. 

Carraafi bu’uurri fedhii misoomuu akkasumas tajaajilamuu ummataa gandarratti kan baldhatu ta’uu kan eeran Obbo Shimallis, bu’uuruma kanaan mootummaan naannichaa caasaa tajaajila ummataa kennu gandarraa eegalee akka gurmaa’u raawwiitti galuu ibsaniiru. “Tarkaanfiin jijjiiramaa kunis, mootummaa gandatti gadi bu’ee tajaajila haqaan kennu akka ijaaramu kan milkeessuudha,” jedhan. 

“Murtii seena qabeessa gurmaa’insa Gandaa bara 1967 booda adeemsifamu kana dabarsuuf marii gadi fagoo taasisuun waliigalteerra gahuun dirqama ture” kan jedhan Pireezidaant Shimallis, gama kanaan gaggeessitoota fi hojjettoota gurmaa’insa haaraa kana keessatti ramadaman waliin waliigalteerra gahamuu fi mariin uummataa itti fufuu ibsaniiru. 

Haaluma kanaan aanaalee fi gandoota Oromiyaa garagaraa keessatti ramaddiin gurmaa’insa sadarkaa sadarkaan gaggeefamuu fi gurmaa’insi haaraan kun hojii eegalaa jiraachuu Biiroon Kominikeshinii Naannoo Oromiyaa beeksiseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa caaseffama bulchiinsaa yeroo jijjiiru kun kan jalqabaa miti. Guraandhala 2023 keessa “gaaffii misooma, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii deebisuuf, akkasumas rakkoo nageenya naannoolee ollaa waliin daangaa irratti mul’atu hiikuuf” caasaalee magaalotaa fi godinaalee akka haaraatti jijjiiruu beeksise ture. 

Caaseffama kanaan godinni ‘Boorana Bahaa’ godina naannichaa 21ffaa ta’ee bifa haaraatiin akka gurmaa’uu fi teessoon isaa magaalaa Nageellee ta’ee murtaa’uu ibsameera. Murteen kun darbuun walqabatee jiraattonni aanaa Gooroo Doolaa fi aanaalee biroo godina haaraa ‘Boorana Bahaa’ jalatti caaseeffamuu isaanii mormuun mormii dhageessisaa turuun isaaniis ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button