Finfinnee, Fulbaana 19/2024 – Naannoo Somaalee magaalaa Wardar keessatti haleellaa qaama eenyummaan isaa hin beekamne masjiida keessatti raawwataniin lubbuun namoota jahaa darbuu jiraattoonni Addis Standard’tti himan.
Haleellaan kun magaalaa Wardar ganda 04 keessatti kaleessa Fulbaana 18, 2024 ganama barii naannoo sa’aatii 10:00tti kan raawwatame ta’uu jiraataan Addis Standard dubbise tokko himeera.
Yeroo haleellaan kun raawwatametti barattoonni amantaa jaha mooraa masjiida keessatti akka turan jiraataan kun eereera.
“Waggaa tokko fi walakkaa darbetti naannichi waldhabdee abbummaa qabeenya lafaatiin walqabatee walitti bu’iinsa hedduu keessummeessuun lubbuun namoota hedduu galaafateera,” jechuun jiraataan himeera.
Haleellaan kuni raawwatamuu guyyaa tokko dura aanga’oonni mootummaa fi maanguddoonni marii taasisuun waliigalteerra gahanii akka turan kan hime jiraataan kun, akkaataa waliigaltee kanaatiin miidhaa hanga ammaa gaheef beenyaa kaffaluu fi baasii awwaalchaa uwwisuudhaan waldhabdee dhaabuuf qaamoleen lamaan waliigaluu dubbatan.
“Haa ta’u malee, guyyaa itti aanutti haleellaan kuni raawwatamee lubbuu namaa galaafate,” jechuun jiraataan kuni dabalee hime. Hidhattoonni haleellaa kana raawwatan hanga ammaa to’annoo jala kan hin oolfamne yoo ta’u, magaalattiin garuu to’annoo humna nageenyaa mootummaa jala galuun haalli jiru tasgabbaa’uu dubbataniiru.
Hogganaan Biiroo Nageenyaa Naannoo Somaalee Obbo Daayib Ahimad, haleellaan kun raawwatamuu fi lubbuun namootaa darbuu VOA‘tti mirkaneessaniiru. Haa ta’u malee haleellaan kuni waldhabdee gosa gidduutti mudatee ta’uu dhiisuu akka danda’u shakkii qabaachuu himaniiru.
Haleellaan kun qaamolee “haala jiru fayyadamuu barbaadani” fi “ajandaa dhuunfaa isaanii qaba” ta’uu akka malan dubbatan. Qaamoleen haleellaa kana kan raawwatan “miseensota garee Al-shabaab waliin hidhata kan qaban” ykn kanneen “dantaa siyaasaa qaban” ta’uu akka malan eeruun, mootummaan akka qoratu ibsaniiru. AS