DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduuu: Naannoo Somaaleetti walitti bu’iinsa tikfattootaafi milishaa mootummaa gidduutti uumameen namoonni 35 ajjeefaman

Finfinnee, Muddee 26, 2024 – Walitti bu’iinsa godina Somaalee Godina Fafan aanaa Harshiin ganda Da’aawaaleey keessatti tikfattootaafi milishaa mootummaa gidduutti guyyaa kaleessaa mudateen namoonni 35 ajjeefamuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Jiraataan dhimmichatti dhiyeenya qabu maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standard’tti akka himetti, walitti bu’iinsi kuni kan eegale haleellaa poolisiifi milishaan aanaa Yo’aaleen tikfattoota ganda Da’awaleey irratti bananiiin ta’uu hima.

Jiraataan kuni akka himetti, taateen kuni waldhabdee daangaa gosoota Isaaqiifi Ogaadan gidduu yeroo dheeraa tureen walqabatee walitti bu’iinsa Muddee 19, 2024 mudatetti aanee kan uumameedha.

Waldhabdee mudatee ture kana furuuf maanguddoonni marii taasisuuf aanaa Harshiin irraa gara ganda Da’awaleey imaluu maddi keenya kuni ni hima. Haa ta’u malee, maanguddoonni kunneen hidhattoota dhokataniin haleellaa banameen karaarratti ajjeefamuufi butamuu jiraataan kuni eereera. 

Jiraataan biraa, gamasaatiin, tikfattoonni naannichaa daangaa lafaarratti waldhabdeen jiraachuu hima. Hokkorri kuni kan ka’e hogganaan biiroo nageenyaa aanaa Yo’aalee Sadaasa 20, 202 4 ajjeefamuu hordofee kan mudate ta’uu hima.

Hidhattoonni koree araara buusuuf hojjaturratti Muddee 19, 2024 haleellaa bananiin loltuu tokko madeessuu jiraataan kuni himeera. Taatee kana hordofuun, hidhattoonni kunneen haleellaa hedduu raawwachuu ibsuun dhiyeenya kana hidhattoota Somaaliilaand waliin ta’uu haleellaa raawwachuu dubbateera.

Ministeerri Nageenya Biyya Keessaa Somaaliilaand Abdallee Arab, ibsa kaleessa baaseen, haleellaa poolisiin bane kuni “duguggaa sanyii lammilee nagaa keessumaa tiikfattootarratti xiyyeeffateedha” jedheera. Taateen kuni “dhiittaa mirga namoomaafi qajeelfama bulchiinsaa kan cabse” ta’uu Arab ibseera.

Humnoonni poolisii kunneen maanguddoota araaraaf imalan butuun “seera idiladdunyaa kan cabseedha” jedheera.

Poolisiin naannichaa gochaa kanaaf gaafatamuu akka qaban himuun rakkoo jiru kana mootummaan Itoophiyaatiif beeksisuufi rakkoo jiru mariin furuuf beellama qabachuu ibseera.

Abdii (maqaan jijjiirame) humnoonni godinaafi milishaan aanaa Yo’aalee haleellaa kaleessaatiif sababa ta’uu hima. Haleellaa kanaan namoonni hedduu ajjeefamuufi milishaan manneen hawaasaa konkolaataadhaan diiguufi abiddaan gubuu dubbata. Sababa kanaan jiraattonni hedduu qe’eesaanii dhiisanii baqataniiru jedhame.

Sababa rakkoo qunnamtii naanichatti mudateen odeeffannoo ture Addis Standard adda baafachuu hin dandeenye. AS

Related Articles

Back to top button