ODUUSIYAASA

Oduu: Naannoo Tigraay, Allaamaaxaatti mormii mana barumsaa irratti haleellaa raawwatameen namoonni lama ajjeefaman

Finfinnee, Onkoloolessa 02/2024 – Naannoo Tigraay magaalaa Allaamaaxaatti Onkoloolessa 01, 2024 dargaggoota naannawaa mana barnoota Midra Gannat jedhamutti sassaabamanii turan irratti haleellaa “humnoota Tigraayiin” raawwatameen namoonni lama ajjeefamuu fi 11 biroo madaa’uu jiraattoonni himan. 

Jiraataan maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan tokko, haleellaan kun kan raawwatame haala manneen barnootaa deebi’anii banamuu irratti mormii ka’erratti ta’uu Addis Standarditti himaniiru.

“Manneen barnootaa banamuun kan barbaachisan ta’uus, jiraattonni magaalaa Allaamaaxaa tokko tokko keessumaa dargaggoonni manni barumsaa deebi’ee banamuu mormaniiru,” jechuun ibsan. 

Sababa mormii kanaas yeroo ibsan, “hanga walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa furmaata argatutti manneen barnootaa cufamanii turuu qabu jechuun morman” jedhan. 

Mormii kana hordofee hidhattoonni namoota mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Midra-Gannat alatti walitti qabaman irratti dhukaasa banuu namoonni ijaan argan himaniiru. 

Akka jiraataan kun jedhutti, namoota madaa’an keessaa torba miidhaan cimaa irra gaheera. Jeequmsi uumamus, humnoonni nageenyaa federaalaa hanga ammaatti tarkaanfii tokkollee akka hin fudhannes dabalanii himan.

Barsiisaan mana barumsichaa tokkos taatee kun naannicha keessatti muddama akka hammeessee fi waldhabdee yeroo dheeraaf ture irratti yaaddoo dabalataa uumuu Addis Standard’tti ibsaniiru.

Dhimma barnootaa irratti waldhabdee uumuun sirrii akka hin taane kan ibsan barsiisaan kun, hanga nageenyi jirutti barnoonni itti fufuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Warri manneen barnootaa deebi’ee akka hin banamne morman sagantaa idilee adeemsa baruu fi barsiisuu danquun “barattoota kutaalee biyyattii biroo jiran irraa boodatti akka hafan taasisu” jedhan. 

Hiriira magaalaa Allaamaaxaatti gaggeeffamu irratti taateen akkanaa yeroo mudatu kun kan jalqabaa miti.

Jalqaba Waxabajjii bara 2024 ajjeechaa “hidhattoota TPLFn” hojjetaa humna elektirikii irratti raawwatame hordofee hiriira mormii jiraattonni magaalaa Allaamaaxaa gaggeessaniin namni tokko yoo ajjeefamu, lama biroo madaa’uu Addis Standard gabaasuun ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button