ODUUSIYAASA

Oduu: Naannoon Amaaraa “ajjeechaa gara jabinaa” hidhattoonni maanguddoota irratti raawwatan balaaleffate

Finfinnee, Adoolessa 24/2024 – Naannoo Amaaraa godina Goojjam Kaabaa aanaa Meeccaa Kibbaatti “hidhattoonni finxaaleeyyii” abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi haadholii “jilbibbiin deemsisuun adabbii namummaa hin qabne fi ajjeechaa irratti raawwataniiru” jechuun mootummaan naannichaa balaaleffate.

“Hidhattoonni kunneen jiraattota naannichaa kan ajjeesan hojii adda addaatiif gara Baahirdaar deemanii yeroo deebi’an miseensa koree nagaa ta’uufi” sababa jedhuun ta’uu mootummaan naannoo Amaaraa ibsa Adoolessa 23, 2024 baaseen ibseera. 

Namoota ajjeefamaniin alattis, namoonni 13 ammallee hidhattoota kanaan qabamanii argamuu jedhe.

Mootummaa Naannoo Amaaraa fi hidhattoota Faannoo naannicha keessa socho’an gidduutti mariin akka gaggeeffamu tattaaffiin taasifamaa akka jiru kan eere ibsi mootummaa naannichaa, kana keessaa sochii koree nagaa dhiyeenya hundaa’e akka fakkeenyaatti kaaseera.

Manni maree nagaa naannichatti hundeeffame mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti marii akka taasifamu haala mijeessuuf qophii ta’uu isaa yeroo adda addaatti ibsuun isaa ni yaadatama.

Kaleessa Adoolessa 23, 2024 jaarsolii biyyaa fi abbootii amantaa dabalatee miseensonni Mana Maree Nageenyaa godina Goojjam Kaabaa irraa filataman magaalaa Baahirdaaritti waltajjii marii gaggeessuu isaanii gabaasni miidiyaalee mootummaa ni agarsiisa.  

Mootummaan naannichaa ibsa baaseen, namoota ajjeefaman keessaa Hoji gaggeessaa Mana Lubummaa Aanichaa Margeetaa Giruum, Azzane Adimaasuu, Asmaamaaw Abee, Aadde Yane’aayaw Daanyaaw jedhaman akka argaman tarreesseera. 

Ajandaan hidhattootaa “kan uummata osoo hin taane, maqaa qabsootiin aangoo qabachuu, yoo yoo dadhabanis qabeenya ummataa saamuu akka ta’e ifatti agarsiisa” jechuun ibseera.

Uummatni gocha kana akka balaaleeffatan kan gaafate mootummaan naannichaa, qaamolee gocha kana raawwatan seeratti dhiyeessina jedhe. AS

Related Articles

Back to top button