Finfinnee, Muddee 06/2024 – Tibbana mootummaa waliin waliigaltee araaraa mallatteessanii kan galan qondaala Waraana Bilisummaa Oromoo duraanii Sanyii Nagaasaa, waliigaltichi guyyoota lama booda hojiitti akka seenu ibsan.
Obbo Sanyii Nagaasaan ibsa har’a miidiyaaleen laataniin waliigalteen mootummaa naannoo Oromiyaa waliin taasisan “dhimmoota nageenyaafi hiree waraanaa irratti” akka xiyyeeffatu ibsaniiru.
Marii mootummaa waliin taasifameen waliigaltee keeyyatoota 13 qabu mallatteeffamu eeruun, raawwiin isaas akka waliigaltee sanaatti akka raawwatamu abdii qabaachuufi kan hordofamus ta’uu himan.
“Waraanni waggootaaf dirree Oromiyaa irratti taasifame ummata nagaa miidhuu malee faayidaa waan hin qabneef nagaa biyyaatiif jennee qawwee keenya gadi qabnee mootummaa waliin waliigaltee taasisne” kan jedhan Sanyiin, mootummaanis waliigaltee kana “ummataaf jedhee” hojiitti hiikuu akka qabu hubachiisaniiru.
Obbo Sanyiin qabiyyee waliigaltichaa guutummaatti ibsuu baatanis, dhimmi ijoo nageenyaafi hiree loltoota galaa jiran irratti akka xiyyeeffatu eeraniiru. Kana malees qabeenyi waraana kanaan barbadaa’eefi miidhaa qaqqabe haala bakka buusuun danda’amu waliigalticha keessa jiraachuu himan.
“Qaamni waliigaltee kana amanee hin fudhanne raawwiisaa irrattis qooda hin qabu qondaalli WBO duraanii kun, raawwii waliigaltee kanaaf koreewwan adda addaa qaamolee lamaan hirmaachise hundaa’uu dubbatan.
Gama mootummaa irraa qabiyyee waliigaltee Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi ajajaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaa gidduu Muddee 01, 2024 mallattaa’e hanga ammaatti ifa hin taane.
Ji’a Fulbaana darbe Sanyii Nagaasaan af-gaaffii BBC waliin taasisaniin “ABO-WBO dhaaba nam-tokkee seeraafi heera hin qabne ta’eera” jechuun gareen isaan hogganan kana booda jaarmiyaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marrootin hogganamu jalatti akka hin sochoone ibsanii turan.
Mootummaa waliin hariiroo uummachaa jiraachuu walqabatee gaaffii dhiyaateef ”ammatti hariiroon uumame hin jiru” jechuun, haata’u malee mootummaa waliin mari’achuuf fedhii akka qaban himanii turan.
Waliigalticha tibbanaa hordofees Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsa baaseen Sanyii Nagaasaan ji’oota dura “sababa naamusaan” garee kana keessaa ari’amuu eeruun, waliigalteen ammaa kunis “WBO kan ilaallatu miti” jedheera. AS