ODUUSIYAASA

Oduu: ‘Nama bakka Geetaachoo Raddaa buufamu irratti mootummaa federaalaa waliin haasa’aa jirra’ - ABUT

Finfinnee, Onkoloolessa 14/2024 – Gareen ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu Pirezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaa aangoorraa kaasuu hordofee nama bakka isaanii buufamu irratti mootummaa federaalaa waliin mari’achaa jiraachuu itti gaafatamtuun waajjira paartichaa Fatlawarq G/Igzi’aabheer ibsan. 

Aadde Fatlawarq yaada laataniin, “pirezidaantiin bulchiinsa yeroo kan muudame waliigalteedhaan waan ta’eef, qaamni tokko pirezidaanticha irraa amantaa yoo dhabe aangoo irraa kaasuun rakkoo hin qabu. Eenyu bakka bu’uu qaba kan jedhu irratti mari’anna” jechuun ibsaniiru.

Haata’u malee paartichi kaabinee naannichaa irratti muudama raawwateen walqabatee “bulchiinsa yeroo naannichaa irratti fonqolcha mootummaa raawwate” jedhame odeeffannoon tamsa’u “dhugaa irraa kan fagaate” jedhan.

Teessoo waliigalaa bulchiinsi yeroo naannichaa qabu 27 keessaa 14 kan ABUT ta’uu kan eeran Aadde Fatlawarq, miseensota kaabinee bulchiinsa yeroo naannichaa keessa jiran 19 ammallee iddoo isaanirratti itti fufuu ibseera. 

Walumaagalatti miseensonni kaabinee dhiyeenya kana aangoo bulchiinsa yeroo irraa kaafaman shan qofa ta’uu kan eeran aadde Fatlawarq, bulchiinsa yeroo naannichaa irratti fonqolcha mootummaa raawwatamaa jira jedhamee odeeffannoo tamsa’aa jiru guutummaatti soba” ta’uu ibsaniiru.

Namoota ABUT bakka hin bu’an jedhamanii aangoo irraa kaafaman Geetaachoo Raddaa, Bayyana Mikruu, Prof. Kindayaa Gabrahiwoot, Dr. Haagosi fi Almaaz ta’uu ibsan.

Gareen Dabratsiyoon miseensota kaabinee shan aangoorraa kaasuu beeksisuu hordofee bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaatin durfamu “hoggansa ABUT irratti tarkaanfii seeraa nan fudhadha” jechuun akeekkachiisuu ni yaadatama.

Addi Bilisummaa Uummata Tigraay lamatti qoodamuu hordofee gareen Dabratsiyoon “fonqolcha mootummaa narratti labsee jira” jechuun balaaleffateera. AS

Related Articles

Back to top button