Obasaanjoon dhimmoonni furmaata hin arganne Waliigaltee Piriitooriyaa ‘miidhuu hin qaban’ jechuun hubachiisan

Finfinnee, Guraandhala 17/2025 – Pirezidaantiin Naayijeeriyaa duraanii fi haala mijeessaa Waliigaltee Piritooriyaa ta’an Oluseguun Obasaanjoo, dhimmoonni furmaata hin arganne adeemsa waliigaltee kanaa “miidhuu akka hin qabne” fi “hojiirra oolmaa isaa duubatti deebisuu akka hin qabne” hubachiisaniiru.

Marii Gamtaan Afrikaa dhimma waliigaltee kanarratti Guraandhala 16, 2025 gaggeesserratti haasawa taasisaniin, “dhimma hidhattoota deebisanii ijaaruu fi naannolee falmisiisaa ta’an” dabalatee dhimmoonni furmaata hin arganne of eeggannoodhaan ilaalamuu akka qabanii fi adeemsa nagaa “duubatti deebisuu hin qaban” jechuun hubachiisan.

Marii qaamolee waliigalticha mallatteessan lamaanii fi haala mijeessitoonni hirmaachise irratti raawwii waliigaltichaa madaalameera. Waliigalteen Piriitooriyaa “fakkeenya qajeelfama ‘Rakkoo Afrikaaf Furmaata Afrikaa’ jedhu” ta’uu kan dubbatan Obasaanjoo, “dhaabbileen Afrikaa walitti bu’iinsa furuu fi ardii kana keessatti nagaa fiduu akka danda’an kan agarsiisu” ta’uu dubbataniiru.

Akka Sagaleen Ameerikaa (VOA) gabaasetti, Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahamat mariin kun “guutuu Afrikaa keessatti nagaa buusuuf carraaqqii goonu barumsa ta’ee tajaajila” jedhan.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa fi miseensi jila mootummaa marii Piriitooriyaa irratti hirmaate kan ta’an Geediyoon Ximootiwoos (PhD) Itoophiyaan waliigaltee kana guutummaatti hojiirra oolchuuf hojjechaa jirti jedhan. Dhimmoonni hin xumuramne “mariidhaan itti fufuu akka qaban” fi “akkaataa seeraatiin” furmaata argachuu akka qaban cimsanii dubbatan.

Akka Televijiinii Tigraay jedhutti, Geediyoon waliigalteen kun “qaamolee keessoo fi alaa diigumsaa barbaadan” irraa eegamuu akka qabus akeekkachiisan.

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay fi mallatteessaa waliigalticha kan ta’an Geetachoo Raddaa “qabiyyeen waliigaltichaa hedduun hojiirra hin oolle” jedhan. Gamtaa Afrikaa fi hawaasni addunyaa “dhimma buqqaatota fi DDR” dabalatee dhimmoota “hin ilaalamne” jedhe irratti akka xiyyeeffatan dhaamaniiru.

Geetaachoon hawaasni addunyaa “dhimma hidhannoo hiikkachuu qofa irratti xiyyeeffatee akka jiru” kan ibsan yoo ta’u, “loltoota duraanii deebisanii dhaabuun” adeemsa kana irraa adda kan hin baane waan ta’eef “irraanfatamuu hin qabu” jechuun cimsanii dubbataniiru. 

Itti dabaluunis “yeroo ammaa dubartoonniifi daa’imman hedduun kaampii  keessatti rakkachaa jiru” jechuun buqqaatonni “gara daangaa heera mootummaatiin qaama Tigraay ta’etti” deebi’uun dursa kennamuu qaba jedhan.

Dura taa’aan Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) kan ta’an Dabratsiyoon Gabramikaa’el (PhD) marii kana irrattis kan hirmaatan yoo ta’u, waraanni kun dhaabbachuuf gaheen waliigaltichaa guddaa ta’uu ibsuun, “dhimmoonni hojiirra hin oolle xiyyeeffannoo barbaadu” jechuun akeekkachiisaniiru.

Yaaddoowwan kanneen akka “daangaa naannichaa heera mootummaatiin mirkanaa’e deebisuu, humni hidhate humna ittisa biyyaatiin ala ba’uu fi buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti deebi’uu seeraan akka deebi’u” waamicha dhiyeessaniiru.

Dabratsiyoon mallatteessitoonni waliigaltee kanaaf “tarkaanfii ariifataa fi waadaa hin sochoone agarsiisuu” akka qaban cimsanii dubbataniiru. Hojiirra oolmaa mirkaneessuu fi amantaa uumuuf “malli hordoffii fi mirkaneessuu” cimaa akka ta’u gaafachuun, “yeroo murteessaa kanatti hirmaannaan AU fi hawaasa addunyaa itti fufiinsa qabu barbaachisaa dha” jedhan. AS

Exit mobile version