ODUUSIYAASA

Oduu: Obbo Birhaanuu Adeeloo Komishinara Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa haaraa ta'uun muudaman

Finfinnee, Amajjii 30/2025 – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa har’a Amajjii 30, 2025 Obbo Birhaanuu Adeelootin Komishinara Olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) taasisuun bakka Daani’eel Baqqalaa (PhD) muudeera.

Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa godina Kafaa magaalaa Boongaatti kan dhalatan Obbo Birhaanuun, bara hojii isaa guutuu hojii mootummaa adda addaatti tajaajilaniiru. Waggoota jahaaf Ministira Dhimmoota Kaabinee, akkasumas Gorsaa Olaanaa Ministira Muummee duraanii Mallas Zeenaawwii ta’uun waggoota jahaaf tajaajilaniiru.

Boodarra ammoo Daarektarri Olaanaa Waajjira Qabeenya Kalaqa Sammuu Itoophiyaa ta’uun hanga Amajjii 2015 Muummichi Ministeeraa yeroo sanaa Haayilamaariyaam Dassaalanyiin aangoo irraa kaafamanitti tajaajilaniiru.

Birhaanuun gahee hojii raawwachiisummaa isaaniin alatti filannoo waliigalaa Itoophiyaa bara 2005 gaggeeffame hordofee miseensa mana maree bakka bu’oota ummataa ta’uun filatamaniiru.

Yuunivarsiitii Siivil Sarvisii irraa barnoota seeraatiin digrii jalqabaa kan argatan yoo ta’u, boodarra ammoo Hindii irraa mirga namoomaa idil-addunyaatiin digrii lammaffaa argataniiru.

Obbo Birhaanuun muuxannoo hojii isaanii paarlaamaaf dhiyaate akka agarsiisutti, waggoota kurnan darbaniif ogeessa seeraa fi gorsaa seeraa ta’uun hojjechaa turaniiru.

Komishinara Olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa duraanii Daani’eel Baqqalaa Adoolessa 05, 2024 “bara hojii isaanii xumuruun”  aangoo isaanii gadhiisuu ni yaadatama. Komishinarri Itti Aantuu KMNI Raakeeb Mallasaanis hanga har’aatti akka Komishinara Olaanaatti tajaajilaa turaniiru.

Daani’eel Baqqalaan Waxabajjii 25, 2019 Ministira Muummee Abiy Ahimadiin muudamuu isaanii kaasee waggoota shaniif komishinicha hoggananiiru. 

Komishinichi bara hoggansa isaanitti gabaasawwan hedduu kan baase yoo ta’u, gabaasa Qorannoo Biyyaalessaa fuula 130 qabu kan sarbama mirga namoomaa sirnaa naannoolee Itoophiyaa adda addaa keessatti raawwatame bal’inaan ibsu inni ijoo ta’ee eerama. AS

Related Articles

Back to top button