ODUUSIYAASA

Oduu: Obbo Geetaachoo Raddaan yaa’ii TPLF gaggeessuuf karoorfame irratti akka hin hirmaanne ibsan

Finfinnee, Hagayya 09/2024 – Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay fi Itti aanaan Dura taa’aa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) Geetaachoo Raddaa yaa’ii paartiin isaanii dhiyeenyatti gaggeessuuf karoorse irratti kan hin hirmaanne ta’uu xalayaa dura taa’aa paartichaaf barreessaniin beeksisan. 

Xalayaa kaleessa Hagayya 08, 2024 dura taa’aa paartichaa Dabratsiyoon G/mikaa’eeliif ergame kanaan, “adeemsa dimokraatawaa fi seera qabeessummaa yaa’icha irratti waliigalteen osoo irra hin ga’amiin, akkasumas koreen giddugaleessaa paartichaa irratti osoo hin murteessiin sochiin galmee taasifamu sirri miti,” jedhan.  

Itti dabaluun, yaa’iin gaggeessuuf yaadame paarticha fi uummata naannichaa balaa keessa kan galchu ta’uu ibsan. 

“Koreen Giddugaleessaa TPLF yaa’ichi yoomii fi akkamitti akka gaggeeffamuu qabu irratti waliigalteerra hin geenye. Sochiin badii lafarra jiru dhumarratti dhaaba keenyaa fi ummata keenya balaadhaaf saaxiluu ifa ta’aa jira.”

Adeemsa galmee TPLF haala “aangoo murtee kennuu hoggantoota olaanoo paartichaa cabseen” gaggeeffamaa jiru keessatti akka hin hirmaanne kan beeksisan Geetaachoon, paartichi baraaramuu kan danda’u “sochii qindoomina qabu hoggansa fi miseensonni isaa taasisaniin qofa” ta’uu ibsan. 

Paartichi yaa’ii gaggeessuu kan qabu waggaa sadi dura ta’uu kan eeran Geetaachoon, “kunis dadhabina hoggansa irraa kan ka’e hin geggeeffamiin hafe” jedhan. “Sochii murna tokkoon amma gaggeeffamaa jiru paarticha kan diigu waan ta’eef cimsee nan morma.”

Obbo Geetaachoo Raddaan af-gaaffii tibbana Dimtsi Wayyaanee waliin taasisaniin hoggansa paartii isaanii “qoqqoodiinsa hoggansa TPLF gidduu uumame, tasgabbii dhabuu fi malaammaltummaan rakkoo naannoo Tigraay hammeessaa jira” jechuun qeequun isaanii ni yaadatama. 

Paartichi yaa’ii gaggeessuu qaba jedhanii akka amanan kan eeran Geetaachoon, “hoggansi paartichaa amma jiru garuu aangoo dhuunfachuuf malee dhaabicha fooyyessuuf miti” jechuun qeeqan. Sagantichi iftoominaa fi qabiyyee akka hin qabne himaniiru.

Paartichi yaa’ii gaggeessuu isaatin dura Boordii Filannoo Biyyaalessaa fi mootummaa federaalaa waliin tumsuun paartichi beekamtii seera qabdummaa akka argatu taasisuu akka barbaachisu dubbataniiru. 

Obbo Geetaachoon kana dubbachuu isaanii guyyoota muraasa dura, Dura taa’aan TPLF Dabratsiyoon G/mikaa’el ibsa miidiyaaleef laataniin, paarichi seera qabeessummaan isaa akka deebi’uuf boordii filannoof xalayaa galfachuu fi torban lama keessatti deebii arganna jedhanii akka eegan ibsanii turan. 

Kana malees, paartichi beekamtii seera qabeessummaa waraana dura qabutti akka deebi’u malee akka haaraatti galmaa’u akka hin barbaanne himan. 

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannichaa Geetaachoo Raddaa garuu “wanti kun odeeffannoo sobaati” jedhan. “Xalayaan paartichi boordii filannoof galche labsii haaraa fooyya’e eeruudhaani. Miseensota paartichaa fi uummata dogoggorsuun sirrii miti,” jedhan.

Oduu walqabatuun, sochiin siyaasaa naannoo Tigraay keessa gaggeeffaman kamuu karaa nagaa qofaan furmaata argachuu akka qabaniifi sochiin nageenya ummataa booressu kamiyyuu ciminaan kan falmatan ta’uu hoggantoonni olaanoo qaamolee nageenyaa naannoo Tigraay beeksisaniiru.

Hoggantoonni olaanoo qaamolee nageenyaa naannoo Tigraay haala yeroo naannichaa irratti mari’achuun ibsa waloo baasaniin, “siyaasni naannichaa ilmaan Tigraayiin kan oofamu malee qaamolee alaan kan fe’amu miti, mudaa kanaan ala jiraniif cimsinee falmanna,” jedhan.

Qaamolee siyaasaa kamirraayyuu walaba ta’uu isaanii kan ibsan hoggantoonni kunneen, “fayyadamummaa fi nageenya uummataa gabaadhaaf hin dhiyeessinu” jechuun qaamolee siyaasaa naannicha gidduu waldhabdee uumame mormaniiru. AS

Related Articles

Back to top button