Finfinnee, Muddee 02/2024 – Deetaa Ministeera Nagaa duraanii Taayyee Danda’aa wabiidhaan akka gadhiifaman Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa murtee dabarsuu haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo Addis Standard’tti himan.
Aadde Sintaayyoon Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa har’a Muddee 02, 2024 ganama ooleen Obbo Taayyeen wabiidhaan akka gadhiifaman murtaa’u mirkaneessaniiru.
Haaluma kanaanis, yeroo ammaa kana ajaja mana murtii kana raawwachiisuuf adeemsa barbaachisaa ta’ee raawwachaa jiraachuus dabalanii himaniiru.
Muddee 11, 2023 aangoo isaanirraa kan kaafaman Obbo Taayyee Danda’aa, “hokkora kakaasuu, farreen nageenyaa deeggaruufi labsii meeshaa waraanaa cabsuun” himatamanii ture.
Dhimmi isaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa kan jiru yoo ta’u, dhaddacha Hagayya 06, 2024 ooleen himata irratti dhiyaate sadi keessaa lamaan bilisa jedhamaniiru.
Obbo Taayyee Danda’aa dhimmoota ittiin himataman keessaa barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti qoodanii fi af-gaaffii BBC Afaan Oromoo waliin taasisan irratti yaada dabarsan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu heerri mootummaa isaaniif laate fayyadamuu ala nageenya uummataa miidhu ta’ee hin argamne jedhamuun himata lamarraa bilisa jedhaman.
Manni murtiin himata meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuu kan jedhu akka ofirraa ittisan jala murtii kennee ture.
Obbo Taayyeenis himata lama irraa bilisa jedhamu isaanii hordofee migi wabii akka eegamuuf kan gaafatan ta’uus Manni Murtii Olaanaa Federaalaa gaaffii dhiyaate kuffiseera.
Ergasii Taayyeen gara Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti ol iyyannoo kan dhiyeessan ta’us, manni murtiin yakki Obbo Taayyeen ittiin himatamaa jiran kan meeshaa waraanaa seeraan ala hidhachuu waggaa 8 hanga 25 kan adabsiisuu ta’uu eeruun mirga wabii isaanii akka hin eegamne murteesse.
Obbo Taayyeen mirga wabiitiin yoo gadhiifaman yeroo manni murtii barbaadutti dhiyaachuu dhiisuu malu shakkii jedhuufi yakkichi adabbii gadi aanaa waggaa saddeetii waan ta’eef mirgi wabii akka hin eegamne murteesseera.
Yeroo ammaa dhimmi isaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti ilaalamaa kan jiru Obbo Taayyeen, aanga’oota mootummaa dhimmicha beeku jedhan shan jecha ragummaa akka kennan waammatanii turan.
Isaan keessaa aanga’oonni lama [Ministira Nagaa duraanii Binnaalif Andu’alam fi Komishinara Itti-aanaa Poolisii Federaalaa Malaakuu Fantaa] dhaddachatti dhiyaatanii jecha kan kennan yoo ta’u, manni murtichaa jecha ragaalee hafan dhaggeeffachuuf Mudde 3, 2017’tti beellameera. AS