ODUUSEERA FI HAQA
Trending

Oduu: Obbo Taayyeen himata irratti dhiyaate sadi keessaa lamaan bilisa jedhaman, tokko akka ofirra ittisan murtiin darbeera

Finfinnee, Hagayya 06/2024 – Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddacha tokkoffaa kan yakkoota heeraafi sirna heeraa irratti raawwataman ilaalu dhaddacha har’a ooleen Deetaa Ministira Nagaa duraanii Taayyee Danda’aatin himata irratti dhiyaate sadi keessaa lamaan bilisa jedheera. 

Obbo Taayyee Danda’aa dhimmoota ittiin himataman keessaa barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti qoodanii fi af-gaaffii BBC Afaan Oromoo waliin taasisan irratti yaada dabarsan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu heerri mootummaa isaaniif laate fayyadamuu ala nageenya uummataa miidhu ta’ee hin argamne jedhamuun himata lamarraa bilisa jedhaman. 

Obbo Taayyeen Seera Yakkaa bara 1996 ALI bahe keewwata 251/C fi keewwata 257/E akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuun himatamanii turan. 

Himata irratti dhiyaate keessaa, himatamaan Ministira Nagaa ta’anii osoo jirani fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti “olola humnoota farreen nageenyaa fi shororkeessitoota deeggaru” maxxansaa turan kan jedhu argama. 

Dabalataan eeyyama osoo hin qabaatin mana jireenya isaanii keessatti meshaa waraanaa kilaashii tokkoofi rasaasa 60 argameera kan jedhu akka ture ni yaadatama. 

Obbo Taayyeen gama isaaniin, barreeffamoonni miidiyaa hawaasaarratti qoodan hookkara kan kakkaasan osoo hin taane waamicha nagaa of keessaa kan qaban ta’uu himuun “olola ani barreesse hin jiru, yakka raawwadhees ni jiru” jechuun himata irratti dhiyaateef deebii laatanii ture.

Abbaan Alangaas jecha ragaalee namootaa lama mana murtiif dhageessisee ture.

Manni murtichaas ragaalee namootaa fi ragaa sanada ergaawwan ololaa fuula miidiyaa hawaasaa irratti darban jedhaman of keessaa qabate qoratee har’a murtii kenneera.

Abbaan alangaa haasaa fi barreeffamoota walfakkaatan himannaa 1ffaa fi 2ffaatti taasisuun akka himannaa adda addaatti dhiyeessuun isaa seera yakkaa keewwata 61 tilmaama keessa kan hin galchine ta’uu manni murtichi ibseera.

Manni murtichi, himatamaan barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti qoodanii fi af-gaaffii BBC Afaan Oromoo waliin taasisan irratti yaada dabarsan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu heerri mootummaa isaaniif laate fayyadamuu ala nageenya uummataa miidhu ta’ee hin argamne jechuun himata 1ffaa fi 2ffaa irraa bilisa jedheera. 

Akkasumas, himata sadaffaa dhimma meeshaa waraanaa mana jireenya isaanii keessa argame eeruun meeshaan waraanaa kun mana jireenya isaanitti argamuu waan mirkanaa’eef himata irratti dhiyaate irraa akka of ittisan murtoo dabarseera. 

Murtoo kana booda himatamaan himannaa 3ffaa akka ofirraa ittisan ajajameen mirgi wabii eegameefi dhimma isaanii alatti akka hordofan gaafataniiru. Abbaan Alangaa gama isaatin himanni dhiyaate waggaa 8 hanga 20 kan adabsiisu waan ta’eef iyyannoo himatamaan dhiyeessan mormeera. 

Manni murtiin dhaddacha sa’aatii booda ooleen iyyannoo Obbo Taayyeen dhiyeessan kufaa godheera. 

Obbo Taayyeen dhaddacha har’aa irratti “Tajaajilli Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa wanta seenaa keessatti godhamee hinbeekne, abukaatoon akka naaf hin dhaabbanne, kan dhaabbatanis dhiisanii akka deeman taasiseera” jechuun komatan.

Manni murtii gama isaatin, abukaatoowwan dhiibbaa irra gahu ofii isaanii iyyannoo akka dhiyeessan, akkasumas himatamaaf mootummaan abukaatoo dhaabuu akka danda’u ibseera. 

Dhumarratti, manni murtiin ragaa ittisaa himatamaa dhagahuuf Onkoloolessa 08, 2017 ALI beellameera. AS

Related Articles

Back to top button