ODUUSEERA FI HAQA
Trending

Oduu: Obboleessi Battee Urgeessaa akka gadhiifamu manni murtiin ajajuus poolisiin eeyyamoo akka hin taane maatiin himan

Finfinnee, Adoolessa 18/2024 – Ajjeechaa qondaala siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Battee Urgeessaa booda to’annoo jala kan oole obboleessi isaanii Miiloo Urgeessaa manni murtiin akka gadi lakkifamu ajaja dabarsuus ji’a sadi ol hidhaatti akka argamu maatiin Addis Standarditti hime. 

Miseensi maatii Obbo Battee Addis Standard dubbise tokko akka jedhetti, awwaalcha booda obbolaa Battee Urgeessaa kan ta’an Miiloo fi Simboo humnoota nageenyaan to’atamanii buufata poolisii Maqii kan turan yoo ta’u, Simboon guyyaa muraasa booda gadi lakkifamteetti.

Haata’u malee, abbaa ijoollee lama kan ta’e Miiloon baatilee sadan darban keessa si’a baay’ee mana murtii dhiyaatee poolisiin yakka ittiin shakkame irratti ragaa dhiyeeffachuu waan hin dandeenyeef mana murtiidhaan bilisa jedhamuus poolisiin gadhiisuuf eeyyamamoo ta’uu dhiisuun hidhaatti tursiisuu himan. 

“Abbaa qabeenya hoteela Batteen keessa fudhatamee fi hojjettoota hoteelichaa dabalatee namoonni sagal ajjeechaa kanaan shakkamanii hidhaman. Hiriyyaan Miiloo, Eebbaa Waanees akkasuma hidhamee jira. Waardiyyaan warshaa Batteen itti ajjeefame ammoo ji’a lamaaf Adaamaatti erga hidhame booda gadi lakkifame,” jedhe. 

Maatiin dhiyeenya kana akka ajaja mana murtiitti Miiloon akka gadhiifamu qajeelcha poolisii magaalaa Maqiitti iyyannoo dhiyeessuu isaanii kan hime miseensi maatii Addis Standard dubbise, haata’u malee deebii “akka inni gadhiifamu ajaja kan dabarsu nuti miti” jedhu akka laatameef dubbateera. 

Dhimma kana ilaalchisee Qajeelcha Poolisii Magaalaa Maqii qunnamuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkfoone. 

Qondaalli Olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo Battee Urgeessaa Ebla 09, 2024 galgala magaalaa Maqii keessatti hoteela qabatan keessaa baafamanii ajjeefamuun reeffi isaanii Roobii ganama daandiirra gatamee argamuu Addis Standard maatii wabeeffachuun gabaase ture.

Ajjeechaa kana hordofee mootummoonni Ameerikaa, Yunaayitid Kingidamii fi Gamtaan Awurooppaa ibsa mataa mataa isaaniin baasaniin, ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti “qorannoon hatattamaa, walabaa fi haqa-qabeessaa akka gaggeeffamu” gaafataniiru.

Paartiin isaanii ABO gama isaatin ajjeechaa kana balaaleffachuun “ajjeechaan seeraan ala namoota dammaqinaan socho’an irratti raawwatamu waggoota kurnan darban keessatti gocha sirnaawaa fi itti gaafatamummaa hin qabne Oromoo callisiisuuf godhamu ta’eera,” jedhe.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas ajjeechaa kana kan balaaleeffatuufi “adeemsa qorannoo seeraa hordofee uummataaf kan ifoomsu” ta’uu eeruun, “hanga qaamni nageenyaa qorannoodhaan adda baasee uummataaf ifoomsutti itti gaafatamummaa ajjeechaa kana qaama kamiifuu kennuun hin danda’amu,” jedhe.

Qajeelchi Poolisii Godina Shawaa Bahaa ajjeechaa Battee Urgeessaan walqabatee shakkamtoonni 13 to’atamuu fi qorannoon gaggeeffamaa turuu beeksise ture. Haata’u malee, bu’aa qorannoo kanaa hanga ammaa ifa hin goone. 

Ergasii Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) dhimma ajjeechaa Battee Urgeessaa ilaalchisee Maqiitti ragaa namootaa sassaabuu erga eegalee guyyaa sadi booda “qorannoo jalqabe akka addaan kutuuf dirqamuu” xalayaan komishinichi Mootummaa Naannoo Oromiyaatif erge mul’iseera. 

Gareen qorannoo kun ragaa namootaa sassaabe ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti haalota hirmaannaa qaamolee nageenyaa mootummaa agarsiisan argachuu xalayaa Addis Standard ilaale kana irratti eerameera. AS

Related Articles

Back to top button