ODUUSEERA FI HAQA

Oduu: Obboleessi Battee Urgeessaa 'hatattamaan, haal-duree tokko malee' akka gadhiifamu HRW gaafate

Finfinnee, Hagayya 06/2024 – Ajjeechaa qondaala siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Battee Urgeessaa booda to’annoo jala kan oolan obboleessi isaanii Miiloo Urgeessaa fi namoonni 11 biroo “haal duree tokko malee fi hatattamaan” akka gadi lakkifaman Hiyumaan Raayitis Waach (HRW) gaafate. 

Dhaabbata falmaa mirga namoomaa idil addunyaa kun ibsa Kibxata Hagayya 06, 2024 baaseen, ajjeechaa Battee irratti qorannoo taasifamu keessa qaamoleen idil-addunyaa hirmaachuu akka qaban hubachiiseera.

Qondaala siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) kan turan Battee Urgeessaa Ebla 10, 2024 godina Shawaa Bahaa magaalaa Maqii keessatti rasaasaan ajjeefamanii reeffi isaanii handaara magaalaatti argame.  

Ajjeechaa kana hordofee poolisiin obboleessa isaanii Miiloo Urgeessaa fi fira maatii Ebbaa Waanee jedhaman dabalatee shakkamtoota 13 to’annoo jala oolcheera. Haata’u malee, irra caalaan namoota kunneen himannaa malee hidhaa keessa jiraachuu HRW mirkaneessuu ibseera.

Miiloon awwaalcha obboleessa isaa booda af-gaaffii miidiyaalee waliin taasiseen yaada ajjeechaa Battee keessa harki qaamolee mootummaa jiraachuu akeeku laachuu isaa hordofee to’annoo humnoota nageenyaa jala ooluu HRW dabalee ibseera. 

Hiyumaan Raayitis Waach akka ibsetti, manni murtii aanaa Maqii dhaddacha Waxabajjii 12 ooleen Miiloon akka gadhiifamu ajaja kan dabarse ta’uus, poolisiin ajaja mana murtii diduun ammallee hidhaa keessa tursiisaa jira. Namni dhimmichatti dhiyeenya qabu Hiyumaan Raayitis Waachitti akka himetti, “Qondaaltonni nageenyaa waa’ee isaa [Miiloo] akka hin beekne, akka isaanin hin qabamne himu.”

Abbaa ijoollee lama kan ta’e Miiloon baatilee darban keessa si’a baay’ee mana murtii dhiyaatee poolisiin yakka ittiin shakkame irratti ragaa dhiyeeffachuu waan hin dandeenyeef mana murtiidhaan bilisa jedhamuus poolisiin gadhiisuuf eeyyamamoo ta’uu dhiisuun hidhaatti tursiisuu Addis Standard maatii wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama.

Dhaabbanni Hiyumaan Raayitis Waach (HRW) buufata poolisii Maqiitti hidhamanii kan argaman Miiloo fi Ebbaa ala kanneen hafan eessa akka jiran akka hin beekamne eeruun, dhimma hidhamtoota eessa buuteen isaanii hin beekamne irratti yaaddoo qabu ibseera. 

Hiyumaan Raayitis Waachitti Daayirektara Afrikaa kan ta’an Latishiyaa Baadar, “Aanga’oonni Itoophiyaa obboleessa Battee fi kanneen biroo himannaa tokko malee hidhuun isaanii, mootummaan dhugaa jiru ifa baasuu caalaa akka hin baane ittisuuf xiyyeeffachuu agarsiisa,” jedhan. 

Dhaabbatni falmaa mirga namoomaa kun namoota himannaa malee hidhaman hatattamaan, haal-duree tokko malee akka gadhiifaman gaafateera. Kana malees, mootummaan Itoophiyaa dhimma ajjeechaa Battee Urgessaa irratti qorannoo taasifamu keessa qaamoleen idil addunyaa akka hirmaatan taasisuu akka qabu ibseera. 

Latishiyaa Baadar, “mootummaan ajjeechaa nama siyaasaa mormituu tokkoo irratti raawwatame qorannoo qaamolee idil-addunyaa keessa hirmaatan akka barbaadu hubachuu qabu,” jette. 

Haaluma walfakkaatuun, ajjeechaa Battee Urgeessaa hordofee mootummoonni Ameerikaa, Yunaayitid Kingidamii fi Gamtaan Awurooppaa ibsa mataa mataa isaaniin baasaniin, ajjeechaa kana irratti “qorannoon hatattamaa, walabaa fi haqa-qabeessaa akka gaggeeffamu” gaafachuun isaanii ni yaadatama.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gama isaatin dhimma ajjeechaa Battee Urgeessaa irratti Maqiitti ragaa namootaa ‘hirmaannaa qaamolee nageenyaa mootummaa agarsiisan’ erga sassaabe guyyaa sadi booda “qorannoo jalqabe akka addaan kutuuf dirqamuu” ibseera.

Amnastii Intarnaashinaal, dhaabbata mirga namoomaaf falmu kan biraan gabaasa har’a baaseen, qaamotni mirga namoomaa Afrikaa fi idil-addunyaa dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti deemaa jiru karaa bu’a qabeessa ta’een furuu dadhabuu isaanii qeeqeera.

Waldhabdeen yeroo itti fufee jirutti lammiileen Itoophiyaa miliyoonaan lakkaawwaman haqa dhorkamaniiru jedhe dhaabbatichi. Dhiittaa mirga namoomaa, gocha hiraarsa fi gara jabeenya naannolee Amaaraa, Oromiyaa fi Tigraay keessatti raawwataman baay’een xiyyeeffannoo akka barbaadan ibse. AS

Related Articles

Back to top button