DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Odeeffannoon baqattoonni Eeritraa biyyaa bahuuf maallaqa gaafatamuu jedhu "dhugaarraa kan fagaate" ta'uu Tajaajilichi ibse

Finfinnee, Muddee 13, 2024 – Baqattoonni Eeritraa #Itoophiyaa keessa jiraatan gara biyyoota biroo deemuuf maallaqa akka gaafamaniifi biyyaa ari’ataman odeeffannoon tamsa’u “dhugaarraa kan fagaate” ta’uu Tajaajilli Immigireeshiuniifi Lammummaa beeksise.

Tajaajilichi, ibsa baaseen, lammiilee Eeritraa karaa seera-qabeessa ta’een viizaa guyyaa 90 argatanii gara biyyaa galan irratti tarkaanfiin fudhatame kamiiyyuu hin jiru jedheera.

Haa ta’u malee, lammiilee biyya ormaa karaa seera hin guutiniin daangaa ce’anii gara biyya seenuun hojii seerri hin eeyyamneef irratti bobba’anii argaman jiraachuu eeruun keessumaa lammiileen Eritraa yakkarratti bobba’anii argaman jiraachuu ibseera.

Tajaajilichi namoota kanneen karaa seera-qabeessa ta’een galmeessuuf waamicha taasisus namoonni waamicha kana dhagahanii karaa seera-qabeessaan galan lakkoofsaan xiqqoo ta’uu ifoomseera.

Baqattoonni kunneen fira lammummaa Eritraa qabu daawwachuuf fakkeessuun Dubaay, Eritraafi Ugaandaadhaa meeshaalee garaagaraa gara biyyaa galchuun kontiroobaandiifi gochaa seeraan alaa irratti hirmaataniiru jedhe.

Akkasumas, faddaalota seeraan alaa biyyoota garaagaraa keessatti argaman waliin qindoomuun karaa seeraan ala ta’een godaantota daddabarsaa turaniiru jedhe. Kana malees, sanadoota sobaa kan akka sanada geejjibaa, chaappaa, herrega baankii qopheessuun gocha yakkaa raawwachuun erameera.

Lammiileen Eritraa yeroo eeyyamameef eeggatanii biyyaa hin baaneef adabbiin raawwatamu birrii 200 qofa ta’uu eeruun odeeffannoon lammiileen Eritraa maallaqa gaafatamu jedhu “dhugaarraa kan fagaateedha” jedheera. Kaffaltiin seeraan alaa gafatamus ta’ee biyyaa ari’atamuun raawwatame hin jiru jedheera.

Lammiilee biyya biroo yakka raawwatan seeraan adabuun haa jiraatu malee rakkoon lammiilee Eeritraa addatti mudate akka hin jirres eerameera. Lammiileen Eritraa Itoophiyaa keessa darbanii gara biyyoota biroo imaluu yeroo barbaadan maallaqa hanga Doolaara 4,000 gaafatamu jechuun Sagaleen Ameerikaa gabaasee ture. AS

Related Articles

Back to top button