DALDALAXIINXALA ODUU
Trending

Xiinxala Oduu: Odiitarri federaalaa waajjiraalee mootummaa keessatti qisaasama faayinaansii jiraachuu saaxile

Finfinnee, Waxabajjii 19/2024 – Itti gaafatamtuun Waajjira Odiitara Federaalaa Masarat Damissee kaleessa Waxabajjii 18, 2024 mana maree bakka bu’oota uummataaf gabaasa odiitii faaynaansii dhiyeessanii ture.

Odiitiin kun bara baajataa 2022/23tti galiin mootummaa osoo hin sassaabamin yeroon isaa darbe, galii gibiraa irraa hafee fi baasii seeraan alaa hin herregamin manneen hojii federaalaa 162 keessatti mudachuu mul’isee jira.

Aadde Masarat ibsa paarlaamaaf kennaniin, bulchiinsa faayinaansii fi sanadoonni baasii seeraan alaa dhaabbilee mootummaa federaalaa adda addaa keessatti mul’achuu saaxilan.

Gabaasni odiitii kun komishinii poolisii federaalaa dabalatee dhaabbilee federaalaa 11 keessatti baasiin hin herreegamin waliigala birrii miiliyoona 43.5 argamuu eerteerti. Akkasumas, dhaabbilee 30 birrii miiliyoona 16.7 seeraan ala baasii taasisaniiru.

Haa ta’u malee, gabaasa odiitii kana keessatti wanti ijoo ta’e maallaqa osoo hin kaffalamin yeroon isaa darbe waliigala birrii biiliyoona 14.1 ta’uu isaati. Dhaabbileen 124 ta’an hirmaachuu eeramus dhaabbileen sadi garuu walakkaa qarshii kanaatiif gaafatamuaniiru.

Ministeerri fayyaa maallaqa hin kaffalamin birrii biliyoona jahatti dhiyaatu, ministeerri jallisiifi lafa gadi bu’aa maallaqa biliyoona 1.1 fi ministeerri barnootaa biliyoona tokko of irraa qabu.

Piroojektiilee ijaarsa federaalaa keessatti akkaataan kontiraaktaronni hojii ittiin hojjatan seeraan ala ta’uu ibsameera. Keessattuu, gabaasni kun pirojektoota ijaarsaa 12 tilmaamaan birrii biiliyoona 11 tti dhiyaatu kontiraaktaroota lama qofaaf ramadamuu isaanii adda baasuun, kunis dambiiwwan bittaa kan cabsu ta’uu ibsameera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Odiitarri olaanaan gabaasa ishee keessatti pirojektoonni mootummaa addaan citan qabeenya mootummaa irratti miidhaa geessisu ibsiteetti. Qorannoon pirojektoota akkanaa 41 irratti gaggeeffame akka mul’isutti kasaaraa birrii biiliyoona 17 ta’u ibseera.

Gabaasni kun kasaaraa guddaa kana adda durummaan Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Itoophiyaa kaffaltii dursaa kontiraaktarootaaf kaffale sababa piroojeltichi addaan citeef deebifachuu dadhabuusaati.

Dubee Jiloo miseensota paarlaamaa argannoo odiitii fi dhaabbileen mootummaa dambiiwwan diriirfaman kabajuu dadhabuu mul’achuu isaanii ilaalchisee yaaddoo guddaa qabaachuu ibseera.

Bu’aan gabaasa odiitii kanaa mala hordoffii fi to’annoo cimaa faayinaansii hundeessuun murteessaa ta’e kan mul’isu yoo ta’u keessumaa aanga’oonni moootummaa itti gaafatamummaa mirkaneessuuf cimsanii hojjachuu akka qaban dubbataniiru.

Miseensi paarlaamaa kan biraa Baaratamaa Fiqaaduu walgahii paarlaamaa irratti qondaaltonni dhaabbilee baajata to’atan irra caalaan isaanii ifatti dhabamuu isaanii qeeqaniiru. “Gabaasni odiitii kun eenyuuf dhiyaachaa jira?” gaaffii jedhu kaaseera.

“Qondaaltonni mootummaa argannoo dhaga’anii tarkaanfii sirreeffamaa hin fudhatan yoo ta’e malee rakkoo kana hiikuun hin danda’amu” jechuun dabalee dubbateera.

Itti aantuun afyaa’ii mana marichaa Aadde Loomii Badhoo yaaddoon Baartamaa sirii ta’’uu dibbataniiru. Ministeeri galiiwwan maallaqa qisaasa’e biliyoona 6.4 kana sassaabuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu akka qabus eerameera.

Maallaqni hi kaffalamin kuni waggaa tokkoo hanga torbaatti kan ture ta’uus ibsameera. Rakkoo akkasii bara darbe keessa turuu Aadde Masarat himaniiru.

Yeroo hi’inni baajataa mul’atu kantti qisaasa’iinsa baajataa too’achuu barbaachisaa ta’uu Duubeen dubbatteerti.

Ministeerri faaynaansii Obbo Ahmad Shidee baajanni bara 2017 ALI gara birrii tirliyoona tokkootti dhiyaachuu ibsaniiru. Haa ta’u malee, rakkoon galii gibiraa sassaabuu rakkoo ta’uu Ahmad dubbateera.

Akka Ahmaditti, rakkoon hir’ina baajataa kuni kan madde maallaqa naanoleefi magaalotaa hirame guddaa ta’uu ibseera. Rakkoo kana furuuf gibira dabalataa birrii biliyoona 92.5 sassabuun barbaachisaa ta’uu eerameera.

Inishiyeetiiwwan kunneen seera gibira gatii dabalataa (VAT) fi gibira eksaayizii amma jiru fooyyessuu, akkasumas gibira haaraa kan akka gibira qabeenyaa fi naannoo hojiirra oolchuu kan of keessaa qabuudha. AS

Related Articles

Back to top button