ODUUSIYAASA

Oduu: Abbootiin amantaa Tigraay hoggantoonni siyaasaa naannichaa waldhabdee gidduu isaanii uumame mariidhaan akka hiikan hubachiisan

 Finfinnee, Hagayya 29/2024 – Phaaphaasonni Mana Amantaa Ortodoksii Tigraay haala yeroo naannichaa ilaalchisee ibsa har’a Hagayya 29, 2024 laataniin, “hoggantoonni TPLF ibsa garaagarummaa isaanii hammeessuu baasuu irraa akka of qusatanii fi rakkoo gidduu isaanii jiru mariidhaan akka hiikan” waamicha dhiyeessaniiru.

“Uummanni naannichaa haala hamaa keessa yeroo jirutti waldhabdee hoggantoota kanneen gidduu uumame waan mudachuu hin malle” kan jedhe ibsi abbootiin amantaa baasan kun, ergasii hoggantoota siyaasaa waldhaban waliin mari’achuu isaanii ibsaniiru. 

Marii isaanii keessattis hoggantoonni siyaasaa naannichaa waldhabdee gidduu isaanii uumame mariidhaan akka hiikan waan akka isaanif galan eeruun, “akkaataa waadaa nuuf galtaniin ibsa waldhabdee jiru hammeessan kennurraa akka of qusattan isin hubachiisna,” jedhan. 

Kana malees, humnoonni nageenyaa naannichaa yeroo kanatti loogii tokko malee nageenya fi tasgabbii uummata isaanii mirkaneessuuf akka hojjetan dhaamaniiru. 

Oduu walqabatuun, Pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Getaachoo Raddaa ramaddii namoota muudamanii dabalatee qaamoleen hojii bulchiinsa yeroo naannichaatti gufuu ta’an irratti “tarkaanfii seeraa” akka fudhatan akeekkachiisaniiru.

Obbo Geetaachoon ibsa kana kan baasan, gareen TPLF dura ta’aa dhaabbichaa Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin durfamu xalayaa waajjiraalee godinaa fi aanaaleef ergeen muudama fi tarkaanfii aangoorraa kaasuu bulchiinsa yeroo naannichaatin taasifamu hojiirra akka hin oolle hubachiisuu hordfeeti.

Bulchiinsi yeroo naannichaa seera fi sirna hordofuun ramaddiin taasisu hojiirra akka hin oolle caasaan garee tibbana kora gaggeesse danqaa uumaa jira jechuun himataniiru. Qaamoleen hojii bulchiinsa yeroo naannichaatti gufuu ta’an irratti “tarkaanfii seeraa” akka fudhatan akeekkachiisan. AS 

Related Articles

Back to top button