ODUUSIYAASA

Oduu: “Gama ABUT, Shaabiyaa fi Badhaadhinaa irraa hirmaattoonni waraanaa seeraan gaafatamu dhabuu hordofee ammas fedhiin waraanaa jira” - Aranaa

Finfinnee, Fulbaana 05, 2024 – Naannoo Tigraayitti carraan waraanatti deebi’uu mul’achaa kan jiru sababa qaamoleen waraana waggaa lamaan darbe kakaasaa turan seeratti dhiyaachuu dhabuutiin kan wal qabatu ta’uu dura taa’aan Paartii Aaranaa  Birmadummaafi Dimookraasii Tigraay Obbo Amdoom Gabrasillaasee ibsan.

Paartichi ibsa guyyaa kaleessaa miidiyaaf laateen, qaamolee waraanicha hirmaatan Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT), Sha’aabiyaafi Paartiin Badhaadhinaa yakka waraanaa kanaaf itti gaafatamuu dhabuun isaanii ammas fedhiin waraanaa akka uumamu taasisuu Obbo Amdoom dubbataniiru.

Akka dura taa’aa kanaatti, furmaanni jalqabaa qaamolee “yakka waraanaafi duguuggaa sanyii raawwatan” seeratti dhiyeessuudha.

Paartichi qoqqoodamni hoggansa ABUT gidduutti mul’atu “Tigraayitti balaa kan fiduufi adeemsa itti gaafatamummaa hir’ateedha”  jechuun waldhabdeen kuni “faayidaa dhuunfaafi garee kabachiifachuuf qabsoo godhamu” jedhee akka amanu beeksiseera.  

Rakkoon kuni dhimma keessoo paartichaa ta’uu eeruun rakkoo kana uummatatti gadi baasuun “hokkora uumuuf hojjatamaa jira” jedheera.

Gareen ABUT keessa jiran lamaan “humnoota Asmaraafi Finfinnee jiran” waliin dhoksaadhaan hariiroo uumuun waliisaanii yakkaa jiraachuu ibsuun qaamoleen lamaan keessaa inni tokko “humnoota Eritraa” waliin hariiroo akka qabu paartiinsaanii irra gahuu Obbo Amdoom dubbataniiru.

Obbo Amdoom, “Gareewwan lamaan keessaa inni tokko Sha’aabiyaa waliin hidhata qaba himanni jedhu haqa kan qabuudha,” jechuun, “gochaan akkasii kuni dhaabbachuu qaba,” jedhaniiru.

Hariiroon godhamu yoo jiraates haala iftoomina qabuun akka ummanni beekutii taasifamuu akka qabu paartichi ibseera. “Hariiroon dhoksaadhaan godhamu waraana hammeessa. Qaamni kaanis gargaarsa qaama biraarraa akka barbaadu taasisuun waldhabdeen kuni gara qaama biraatti akka ce’u waan taasisuuf adeemsa rakkisaadha,” dabalee jedheera.

Garaagarummaa siyaasaa mariidhaan akka hiikan waamicha taasisaa turuu ibsuun Tigraayiifi qaamoleen biroo waraana kanarratti hirmaatan badii darbeerraa barnoota osoo hin fudhatin “karaa badiirra imalaa jiru” jechuu yakkuu Sagaleen Jarmanii gabaaseera. AS

Related Articles

Back to top button