Oduu: Ajjeechaa daa’ima waggaa 9 Naannoo Somaaleetti raawwatame qorachaa jiraachuu Poolisiin beeksise
Finfinnee, Hagayya 31/2023 – Naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaa keessatti poolisiin dhimma daa’ima waggaa 9 Faaxumaa Ugaas jedhamtu Dilbata, Hagayya 27, 2023 erga gudeedamte booda gara jabinaan fannifamte ajjeefamte qorachaa jiraachuu beeksise. Ajjeechaa kanaan walqabatees yeroo ammaan kana namoonni afur to’annoo seeraa jala oolfamuu ibseera.
Taatee kana hordofuun reeffi Faaxumaa qorannoo dabalataaf gara Hospitaala Rifaraalaa Jigjigaatti geeffamuu isaa Daayreektarri Kominikeeshinii naannichaa Abdiqaadir Raashif himaniiru. Obbo Abdiiqaadir Addis Standarditti akka himanitti, hakimonni hospitaalichaa mallattoo miidhaa saalaa qaama ishee irratti mul’atu arguu isaaniitiin gara Hospitaala Karramaraatti akka ergamtu taasisaaniiru. Qorannoon fayyaa godhamee akka agarsiisutti immoo ajjeefamuu ishee duraa akka gudeedamte mirkaneesseera jedhan.
“Yeroo ammaa kana ajjeechaa kanaan walqabatee namoonni afur to’annoo poolisii jala jiru” kan jedha dubbii himaan mootummaa naannoo Somaalee Abdiqaadir, itti dabaluun, ragaan jalqabaa akka agarsiisutti shakkamtoota afur to’annoo seera jala jiran keessaa isa tokko irratti qaama isaa irratti miidhaan mismaara irraa akka gahee ni agarsiisa, miidhaan kun immoo dhimmicha keessa jiraachuu mala shakkii jedhu kaaseera jedhan. Qorannoon kun kan itti fufee jiru yoo ta’u, bu’aan isaas erga xumuramee booda kan ifoomu ta’uu dubbii himaan kun ibsaniiru.
Obbo Abdiqaadir, olola sobaa yakka kana hordofee mul’ate irrattis xiyyeeffatanii dubbataniiru. ”Paartileen siyaasaa mormitoota ta’an ergaawwan miidiyaa hawaasaa irratti tamsaasaniin sobaan ajjeechaa kana namoota dhalattoota Somaalee hin taanee akka ajjeesisanitti olola raabsaa jiru. Jeequmsa kakaasuuf yaaliin isaan godhan hin milkoofne,” jedhan.
Itti dabaluunis magaalattiin nagaa akka jirtu, namoonni nagaa akkuma barame hojii idilee isaanii guyyaa guyyaan raawwachaa akka jiran himaniiru. “Namoonni tokko tokko nageenya ofii isaaniitiif jecha yeroo gabaabaaf to’annaa poolisii jala kan oolan yoo ta’u, booda irrattis gadhiifamaniiru” jedhan.
Addis Standard odeeffannoo dabalataa argachuuf miseensota maatii Faaxumaa qunnamuuf yaaliin godhe hin milkoofne. AS