Oduu: Maqaleetti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman dhorkaa hijaabaa mormuun hiriira gaggeessan

Finfinnee, Amajjii 21, 2025 – Naannoo Tigraay magaala Maqaleetti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman dhorkaa uffannaa hijaabaarra kaa’ame mormuun guyyaa har’aa hiriira bahaniiru.
Hiriirri kuni kan bahame, manneen barnoota magaala Aksumiitti argaman ajaja manni murtiifi biiroon barnoota Tigraay dabarse mormuun barattoonni hijaaba uffatanii akka hin barannee dhoorkuu hordofeeti.
Hiriirri mormii Manni Marii Dhimma Islaamummaa Tigraay qindeesse dhaadannoo “hijaaba uffattee ni baratti” jedhuun magaala Maqalee marfata Roomaanaatitti gaggeeffameera.
Pireezidaantiin Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Tigraay Sheek Adam Abdulqaadir dhiibbaan amantaa Islaamaarratti taasifame kuni yaaddeessaa ta’uu himeera.
“Manni murtiifi biiroon barnootaa ajaja ifa ta’e dabarsanis ijoolleen keenya barnoota akka hin arganne dhoorkamaniiru. Biyya seenaa Islaamummaa jaarraa hedduu qabdu keessatti gochaan akkasii daran yaaddeessaadha,” Sheek Adam jedhaniiru.
Hiriirri mormii kuni kn taasifame mariifi gaaffii aanga’oota wajjiin irra deddeebiin taasifame hordofee ta’uu himaniiru. “Rakkoon jiru ammallee hin furamne ijoolleen keenya barnoota akka hin arganne dhoorkamaniiru.”
Akka Sheek Adam jedhutti, rakkoon akkasii kanaan dura mudatee ture. “Waggaa tokko dura barattoonni Islaamaa hijaaba uffataniii turan lubbuun darbuu eeruun ammammoo hijaaba uffatanii dirqama barachuu qabu,” jedheera.
Hiriirri ture kuni karaa naga-qabeessa ta’een gaggeeffamuu Sheek Aadam dubbataniiru. “Mormitoonni sagaleesaanii karaa naga-qabeessa ta’een dhageessisaniiru. Hiriira kana karaa tasgabbaa’eefi seera kaabjeen akka gageeffamuuf too’anoo taasisaa jirra,” dabalee jedheera.
Hiriirri mormii kuni rakkoo hin furamin kan akka barattoota Musliiimaa kutaa 12 magaala Aksuum qormaata biyyoolessaaf akka hin galmoofne dhoorkuu hordofeeti.
Dhorkaa uffanaa hijaabaa manni barumsaaa dabarse barattoonni mormanii ture. Barattoonni murtee kana morman 160 ta’an qormaata biyyooleessaatiif akka hin galmoofne dhoorkamanii ture guyyaan galmee jala darbeera.
Bulchiinsi aanaa Aksuum qajeelfama barattoonni Musliimaa hijaaba akka hin uffanne dhoorkuu hojiin ala taasisuun manneen barnootaa himata kanaaf deebii akka laatan gaafatee ture.

Ogeessi seeraa Musxafaa Abduu jedhamu hiriiricharratti hirmaate Addis Standard’tti akka himetti, kaayyoon hiriirichaa inni duraa barattoota sababa hijaabaatiin barnootarraa dhoorkamanaiif eeyyamni akka kennamu gaafachuu ta’uu himeera.
“Yookiin barnoota yookiimmoo amantaa keessaa tokko akka filataniif seerri dirqisiisuu hin jiru,” jechuun barattooonni kunneen hijaabasaanii uffatanii barachuuf mirga akka qaban Musxafaan himeera.
Hijaaba uffachuun dirqama amantaa ta’uu eeruun mirgi kunimmoo dhaabbilee idiladdunyaa kana akka Dhaabbata Mootumoota Gamtoomaniitiin kan labsameedha.
“Amantaa kamiyyuu mormaa hin jirru. Haa ta’u malee, mootummaan naannichaa akkaataa mirga barattoonni qabaniin akka baratan akka eeyyamu waamicha taasifna,” dabalee jedheera.
Hirmaataa hiriira mormichaa Bilaal jedhamu umrii 65 ta’e Addis Standard’tti akka himetti, murtee darbe kana kiristaanonniyyuu mormaa jiraachuu ibsuun murteen manni murtii dabarse akka kabajamuufi barattoonni barnootatti akka deebifamaniif gaafachaa jiraachuu himeera.
Mormituun biraa Rihaamaa Sa’iid jedhamtu gochaan mana barnootaa kuni “seeraan ala” jetteerti. Manni barumsichaa murtee biiroon barnootaafi manni murtii dabarse kabajuu akka qabu eerteerti.
“Murtiii kana hojiirra ochuuf qaamni hojjachaa jiru waan hin jirreef aanga’oonni tarkaanfii akka fudhatan gaafachuuf hiriira mormii bahuuf dirqamneerra,” Rihaamaan jetteerti.
Hiriiricha hordofuun bakka bu’oota hawaasa muslimaa Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaa waliin guyyaa har’aa marii gaggeessaniiru. Heerri biyyattii mirgi amantaa akka kabajamu kan eeyyamuu ta’uu eeruun, “barattoonni Musliimaa sababa hijaaba uffataniif barnootarraa ari’atamuu hin qaban,” Geetaachoon jedheera.
Rakkoon kuni hangana babal’achaa dhufuusaatti gadduu Geetaachoon ibsuu Dimtsi wayyaaneen gabaaseera. Barattoonni kunneen barnoota dhoorkamuu akka hin malle Geetaachoo ibseera.
“Akka mootummaatti heerri keenya ifadha,” jechuun hiriirri mormii hawaasni musliimaa karaa nagaatiin dhageessisan kabajamaa ta’uu eeruun deebii argachuu akka qabu Geetaachoon dubbateera. AS