Oduu: Baankii Misooma Afrikaa hojjettoota isaa lama Itoophiyaa keessatti seeraan ala hidhamuu fi miidhaan qaamaa irra gahuu ibse
Finfinnee, Sadaasa 16/2023 – Miidiyaaleen biyya keessaa hidhaa fi miidhaa qaamaa hojjettoota olaanoo Baankii Misooma Afrikaa Damee Itoophiyaa (AfDB) irratti raawwatame erga gabaasanii torban muraasa booda, baankichi ibsa har’a baaseen Onkoloolessa 31, 2023 “hojjettoonni Garee Baankii Misooma Afrikaa lama teessoo isaanii Finfinnee godhatan ibsa tokko malee qaamolee humnoota nageenyaatiin seeraan ala hidhamuu, miidhaa qaamaa irra ga’uu, sa’aatii hedduudhaaf hidhamanii turuu” amaneera.
Ibsa Addis Standardiif ergeen, Baankiin mootummaa Itoophiyaa waliin hariiroo cimaa qabu kun, hidhaa fi haleellaan hojjettoota isaa irratti raawwatame “taatee dippilomaasii baay’ee hamaa” jechuun kan ibse yoo ta’u, komii mootummaa Itoophiyaatti dhiheesse “beekamtii” kan argate ta’us, garuu eenyummaa miidhamtoota hidhaa fi haleellaa irra gahe ibsurraa of qusateera.
Gabaasni miidiyaalee biyya keessaa akka agarsiisutti, namoota miidhaman keessaa tokko Daayirektarri Itti aanaa Garee Baankii Misooma Afrikaa fi Hoji gaggeessaa damee Itoophiyaakan ta’an Dr Abdul Kamaaraati. Haleellaa nama kana irratti raawwatame hordofuun baankichi waajjira isaa Finfinneetti argamu cufeera. Haa ta’u malee, Addis Standard’n yeroo hedduu karaa imeeliin gaafatuus, Baankichi maqaa miidhamtoota dhimmicha keessa jiran hin mirkaneessine, hin haallees.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa miidiyaalee biyya keessaaf har’a kennaniin, Baankicha fi Ministeera Maallaqaa Itoophiyaa dhimma kaffaltii waggaa irratti gidduu isaanii waldhabdee haala amma uumameef sababa ta’e uumamuu ilaalchisee gaafatamanii turan.
Ambaasaaddar Mallas wayita deebisan, “taateen kun baankichi waajjira isaa akka cufu hin goone, hariiroon lamaan gidduu jirus hin cinne,” jedhan.
Ibsi har’a baankichi baase kun akka jedhutti, Baankichi “Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa taatee kana yommuu baran tarkaanfii atattamaa fudhataniin hojjettoonni haala kanaan miidhaman hatattamaan akka gadhiifaman ajajuun, taatee kana hatattamaan akka qoratamu ajajuuf waadaa galuu isaaniitti gammadeera” jedha. Akkasumas “hojiin isaa Itoophiyaa keessatti qabu taatee kanaan akka hin miidhamne michoota isaa hundaaf mirkaneessa” jedheera.
Haa ta’u malee, Baankichi taateen kun “taatee dippilomaasii baay’ee hamaa ta’eeti, ergasii Baankiin Misooma Afrikaa aanga’oota Itoophiyaatti komii sirnaa dhiyeessee jira” jedheera.
Mootummaan Itoophiyaa komii isaa sirnaan fudhachuu qofa osoo hin taane, “hammana taatee kanaa hubatee qaamonni seera cabsuu keessatti hirmaatan hundi gadi fageenyaan qoratamanii seeratti akka dhiyaatan, iftoominaa fi itti gaafatamummaa guutuu akka mirkanaa’u nu mirkaneessee jira,” jedha ibsi jedhu.
Mootummaan Itoophiyaas “Baankii Misooma Afrikaaf hojjettoonni isaa Itoophiyaa keessa jiranii fi warri ergamaaf gara biyyattii imalan, akkaataa Konveenshinii Hariiroo Dippilomaasii Viyeenaa akkasumas kan Afriikaa jalatti mirga fi bilisummaa isaanii guutummaatti kabajuu akka itti fufu mirkaneessee jira,” jedhe.
Baankiin Misooma Afrikaa duudhaalee “hariiroo gaarii mootummaa Itoophiyaa waliin qabu” mirkaneessuun, “taatee kana ilaalchisee yeroo ammaa kana aanga’oota biyyattii waliin karaa dippilomaasii mari’achaa jira” jedhe. Akkasumas, nageenya fi mirgoota hojjettoota isaa biyyoota Baankichi itti hojjetu hunda keessatti argaman mirkaneessuuf kutannoo qabu mirkaneesseera.
Baatii Hagayyaa bara kanaatti Baankiin Misooma Afrikaa oomisha qamadii fooyyeessuufi galii qonnaan bultootaa guddisuuf deeggarsa waliigala doolaara miiliyoona 84.3 Itoophiyaaf kenneera. Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa Ahimad Shiidee fi Dr Kamaaraa, waliigaltee deeggarsa kana mallatteessaniiru.
Baatii Fulbaana keessa Boordiin Daayirektaroota Baankichaa piroojektii humnaa baha Itoophiyaa deeggaruuf maallaqaa Doolaara miiliyoona 104 kennuuf hayyama kenneera. AS