ODUUSIYAASA
Trending

“Badhaadhinni hiyyeessa ni jaallata, ni deeggaraas; hiyyummaa irratti garuu haaloo baha” - MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkoloolessa 31/2024 – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa har’a Onkoloolessa 31, 2024 bakka Ministira Muummee Abiy Ahmad argamanitti yaa’iisaa idilee gaggeessee jira.  Yaa’ii kana irratti MM Abiy gaaffii miseensota mana maree irraa ka’eef deebii fi ibsa kennaa jiru.

MM Abiy Ahimad, haasawa Pireezidaantiin Itoophiyaa Taayyee Atsiqasillaaseen walga’ii waloo manneen maree lamaan Onkoloolessa 07, 2024 gaggeeffame irratti taasisan bu’uureffachuun gaaffilee fi yaada miseensota mana maree irraa ka’aniif deebii ni kennaniiru.

Tarkaanfii fooyya’insa diinagdee mootummaan waggoota darban keessatti fudhateen bu’aawwan olaanaa fiduu dubbatan. Bara oomishaa 2017 guddina diinagdee dhibbeentaa 8.4 galmeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

“Barri 2017 bara Itoophiyaan gama hundaan itti bayyaannattudha. Boqonnaa kaleessaa xumurree gara boqonnaa itti aanutti seenneerra,” kan jedhan MM Abiy, bara darbe diinagdeen Itoophiyaa kan karoorfameen oli galmaa’uu dubbatan.

“Waggoota jahan darban keessa hojiii riifoormii gadi dhaabuu hojjachaa turreerra. Itti aansuun immoo hojii eegalame sirnaan gadi dhaabuun ni hojjatama.”

“Omisha Biyya Keessa Waliigalaa (GDP) bara 2016 kan karoorfannee oliin 8.1% ta’eera. Biyyoonni hedduu maal argattan nuun jechaa jiru. Kuni ifatti biyyattii keessatti mul’ateera. Ji’oonni sadan bara 2016 darban kan agarsiisu guddina bara darbee caalaa guddinni akka jiru ni eegama.”

Guddina diinagdee waliigalaa gama hundaan karoorfame keessaa dameen qonnaa guddina dhibbeentaa 6.1 ni galmeessa jedhamee kan eegamu ta’uu eeraniiru.

“Qonna gannaa fi bonaan lafa hektaara miiliyoona 30 misoomsuun oomisha kuntaala biiliyoona 1.4 argachuuf hojjetamaa jira. Oomisha midhaaniin guddinni 6.6% ni eegama,” jedhan.

Itoophiyaan oomisha bunaan hojii hojjetamaa jiruun addunyaa irraa tarree biyyoota oomisha olaanaa galmeessan jalqabaa keessa akka jirtu kan eeran MM Abiy Ahimad, bara darbe al-ergii bunaa irraa galii Doolaara biiliyoona 1.4 argamuu dubbataniiru.

“Addunyaa irraa Biraazilii fi Veetinaam malee biyyoonni biroo oomisha bunaatiin kan Itoophiyaa dursu hin jiru. Yeroo gabaabduu keessatti Veetinaamiin dursuuf hojjatamaa jira.”

Barana ammoo oomisha bunaa toonii kuma 450 ol gabaa alaaf dhiyeessuun Doolaara biiliyoona 2 argachuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Kana malees, barana piroojektiilee warshaa 72 hojii akka eegalan dubbatan. “Bara kana keessa warshaaleen uffataa 9, teeknoolojii 15, nyaataafi dhugaatii 41, ijaarsaa fi keemikaalaa 4, warshaa raayyaa ittisa biyyaa 3 omisha eegalu.”

“Warshaaleen kunneen bittaa alaa hir’isuurra darbee gabaa alaatiif omishasaanii ni dhiyeessu. Industiriki paaarkiin keessa 50% abbootiin qabeenyaa biyya keessaa akka hirmaatan taasifameera. Warshaaleen warqee hedduu bara kana hojii eegalu. Warshaan simintoo lammii qofti 16% omisha simintoo ni guddisa,” jedhan. 

“Badhaadhinni hiyyeessa ni jaallata…”

Gama biraatin lammiilee galii gadaanaa argataniif baajanni deeggarsaa Birrii Biiliyoona 300-400 ramadamuu ibsan. “Qaala’iinsi jireenyaa sadarkaa addunyaatti qormaataa olaanaadha. Itoophiyaattis rakkoo kanaa tasgabbeesuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa turan.”

Itoophiyaatti qaala’iinsa jireenyaa furmaata waaraa kan ta’uu bal’inaan oomishuu ta’uu akeekuun kanaafis cichoominaan olaanaan damee qonnaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. 

Keessumaa lammiilee galii gadaanaa argatan dhiibbaa qaala’iinsaaf akka hin saaxilamneef mootummaan baajata Birrii biiliyoona 300-400 deeggarsaa ramaduu kaasaniiru. 

“Badhaadhinni hiyyeessa ni jaallata, ni deeggaraas; hiyyummaa garuu irratti haaloo baha,” jedhan. 

Baajanni deeggarsa kunneenis deeggarsa boba’aaf, seeftiineetii, zayiita nyaataaf, xaa’oof, qorichaaleef ramadamuu dubbataniiru.

Daballii miindaaf baajanni Birrii Biiliyonaa 91 ramadamuu kaasanii kunis wayita hojiileen bu’uuraa xumuramanitti baatii Onkololessaa 2017 ALI irraa eegalee akka hojiirraa oolu dubbataniiru. 

Kun hanga ammaatti kan hojiirraa hin oolfamneef hojiin daataalee jiran qulqulleessuu gaggeeffamaa akka jiru dubbatan. AS

Related Articles

Back to top button