ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Baqattoonni Itoophiyaa waraqaa baqattummaa hin qabne Puuntlaand gadhiisanii akka bahan ajajni darbe  

Finfinnee, Waxabajjii 17/2024 – Kaaba Baha Somaaliyaatti kan argamu mootummaan bulchiinsa Puuntlaand, lammiileen Itoophiyaa waraqaa baqattummaa osoo hin qabaatiin “seeraan ala” magaalaa Gaarowee keessa jiraatan atattamaan gadhiisanii akka bahan ajaja dabarse. 

Kantiibaan Gaarowee Abdiqaadir Mohaammad Mohaammud Geedii guyyaa ayyaana Id al Adhaa kaleessa kabajame sababeeffachuun ergaa dabarsan keessatti, Itoophiyaanonni seeraan ala jiraatan Gaarowee gadhiisanii bahu qabu jedhan.

“Namoota ajaja kana hojiirra hin oolchine irrattis tarkaanfiin ni fudhatama,” jechuu isaanii miidiyaan Puuntlaand Garowe Online jedhamu gabaaseera.

Akka gabaasa Gaaroweetti, sababiin ajaja kanaa Itoophiyaanonni “seeraan ala” biyyattii keessa jiraatan lakkoofsaan baay’achuufi carraa hojii saamaa jiraachuu ta’uu eerameera. 

Baqattoonni Itoophiyaa Puuntlaand keessa jiraatan Addis Stadard dubbisees, ajajni kun isaaniif darbuu mirkaneessaniiru.

Baqataa bulchiinsa Puuntlaand keessa jiraatu maqaansaa akka hin eeramne gaafachuun Addis Standard’tti akka himetti, lammiilee Itoophiyaa waraqaa baqattummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Dhimma Baqattootaa (UNHCR) irraa kennamu hundi Gaarowee gadhiisanii akka bahan ajajamuu mirkaneesseera.

Bulchiinsi Puuntlaand Itoophiyaanota “seeraan alaa” jedhe kana atattamaan gadhiisanii akka bahan ajaja dabarsuu hordofee Itoophiyaanonni lakkoofsaan baay’ee ta’an sodaa keessa jiraachuu jiraataan Addis Standard dubbise kun himeera.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

“Ani ofii koof waraqaa baqattummaa kana nan qaba,” kan jedhu namni kun, haata’u malee lammiileen Itoophiyaa waraqaa hin qabne yaaddoo guddaa keessa seenuu dubbateera. 

Kana malees, waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaalilaand hordofee Itoophiyaanota irratti sodaachisoo, haleellaa fi ajjeechaa garaagaraa qaamolee hidhataniin adeemsifamaa turuu eeruun, haalli ammaa deemaa jiru kunis sodaachisaa ta’uu himeera. 

Kanaan dura, haleellaa lammiilee Itoophiyaa irratti xiyyeeffatee raawwatamaa jiru furmaata akka argatuuf mootummaa Somaaliyaa fi UN’tti iyyannoo galchanii deebii akka hin arganne kan yaadachiise baqataan Itoophiyaa kun, ammas rakkoon ture itti fufuu ibsa. 

Bulchiinsi Gaarowee, Itoophiyaanonni akka gadhiisanii bahan ajaja dabarsuus guyyaa meeqa keessatti raawwatamuu akka qabu ifatti waan hin ibsamneef, Itoophiyaanota keessa sodaa jiru hammeessuu ibse. 

Jalqaba bara 2024 mootummaan Itoophiyaa Somaalilaand waliin waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa mallatteessuu hordofee lammiilee Itoophiyaa Somaaliyaa keessa jiraatan irratti doorsisa fi miidhaan gahaa jiraachuu Addis Standard gabaase ture.

Dhimma baqattoota Itoophiyaa kanneen ilaalchisee Addis Standard yeroos dhaabbata UNHCRtti waajjira damee Bahaa Afrikaa kan qunname yoo ta’u, dhaabbatichi deebii haleellaan raawwatamuu quba qabaachuu eeruun qaamolee mootummaa waliin ta’uun nageenya baqattootaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibse ture. AS

Related Articles

Back to top button