ODUUSIYAASA

Oduu: Bulchiinsi yeroo Tigraay murteen qondaalota waraanaa Tigraay “fonqolcha mootummaa ta'uufi waliigaltee Piriitooriyaa badiirra akka buusu” ibse

Finfinnee, Amajjii 26, 2025 – Murteen gareen qondaalonni waraanaa Tigraay of keessaa qabu dabarse “fonqolcha mootummaa ifa ta’eef waliigaltee Piriitooriyaa badiirra buusa” jechuun pireezidaantiin bulchiinsi yeroo Geetaachoo Raddaa ibse.

Gareen qondaalota naannichaa of keessatti hammate marii guyyootaaf taasisaa ture hordofuun ibsa guyyaa kaleessaa Maqaleetti baaseen, bulchiinsi yeroo Tigraay akka haaraatti akka hundeeffamu murtee dabarsuu beeksiseera.

Garichi ibsa kanaan bulchiinsi yeroo amma jiru “itti gaafatamummaa sirnaan hin bahanne” jechuun “dantaa qaamota birootiif meeshaa ta’ee” tajaajilaa jira jedhan. Bulchiinsi yeroo aanga’oonni naannichaa dantaa ummataaf akka hin hojjanne taasisuun “waakkannaa raawwachuun qaamota alaatiif meeshaa” ta’eera jedheera.

Kana malees, bulchiinsi yeroo dadhabaa ta’uu eeruun yeroo aanga’oo dheereffachuuf yaalii taasisuun himataniiru. Sababa kanaan bulchiinsi yeroo “dadhabaafi mul’atasaa kan irraanfate” jechuun caasaa bulchiinsaa jijjiiruun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Oduu kana hordofuun bulchiinsi yeroo ibsa baaseen, ibsi maqaa aanga’oota olaanoo Tigraay jedhuun bahe “galmasaa kan dogoggoreefi ergama humnichaaf kennameen ala kan ta’eedha” jedheera.

“Ibsichi fonqolcha mootummaaa ifa ta’eefi waliigaltee Piriitooriyaa badiirra kan buusuudha” jechuun “qaamni seeraan hin beekkamne bulchiinsa yeroo diiguun seera-dhabdummaa babal’isuufi raayyicha bittinneessuuf sochoaa jiraachuun himuun gochaan kuni “fudhatama hin qabu” jedheera.

“Gochaan kuni kan hin baramne” jechuun dhimma kanarratti mari’achuuf yaa’ii hatattamaa waamuufi haalicha sakatta’uuun ibsa akka kennu ibseera. Murtee kana hojiitti hiikuuf sochiin taasifamaa jiraachuu eeruun badiin inni hordofsiisu hammaataa ta’uu eeruun hatattamaan akka dhaabbatu waamicha taasiseera. AS

Related Articles

Back to top button