DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Daldaltoonni rakkoo sharafa alaa himatu, Baankiin daldalaa sharafaa alaa ramadame keessaa 28% qofti hojiirra ooluu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2024 – Fooyya’iinsi diinagdee guddaan Adoolessa 2024 keessa hojiirra ooluu hordofee sharafni alaa miliytoona $282 Baankiin Daldala Itoophiyaa daldalatoota meeshaa gara biyyaa galchaniif ramade keessaa 28% qofa kan hojiirra ooluu baankichi ibseera.

Baankichi, ibsa tibbana baaseen, fooyya’iinsi diinagdee taasifame baankichi gabaa sharafa alaa keessatti dorgomaa ta’uun maallaqa alaa bitachuu akka danda’u isa taasisuu ifoomseera. Imaammanni haaraa kuni baankichi iyyannoo sharafa alaatiif taasifamuuf maallaqa biyya alaa dhiyeessuu akka danda’u taasiseera jedheera.

Adoolessa 29 hanga Onkololeessa 10, 2024 tti maallaqa $284 daldaltoota meeshaa alaa bitaniif sharafa alaa ramaduu baankichaa eereera. Maallaqa kana keessaa miliyoona $208 meeshaa dheedhiifi meeshaalee xumuraman gara biyyaa galchuuf kan oolu yoo ta’u, miliyoona $42 maashinoota bituufi miliyoona $18 immoo qaamota dabalataa bituuf kan oolu ta’uu ibsameera.

Haa ta’u malee, maallaqa ramadame keessaa kan daldaltoonni fayyadaman 28% qofa ta’uu baankichi ifoomseera.

Hogganaan biiroo gabaa Warshaa Sibiila Qaallittii Iyyaasuu Naqaaxibab turtii Addis Standard waliin taasiseen rakkoon sharafa alaa warshicha mudachaa jiraachuu himeera. rakkoo maallaqa sharafa alaa warshicha mudachuu himeera.

Iyyannoo sharafa alaa dhiyaatuun walqabatee rakkoon kuni kan madde baankchi murtee dabarsuuf yeroo dheeraa kan fudhatu ta’uu Iyyaasuun ni hima.

“Haaldureen barbaachisoon guutamee osoo jiruu hanga yoonaatti maallaqa sharafaa alaa ramadame hin arganne,” Iyyaasuutu jedhe. Baankichi yeroo gaafatamu deebiin “dhimmichi aanga’oota olaanoodhaaf dabarafameera” jedhu kan laatamuuf ta’uu Iyyaasuun addeesseera.

Kanaan dura guyyaa sharafni alaa itti barbaadamu guyyaa 15 dursuun iyyannoon kan galfamu ta’uu yeroo ammaa garuu haaldureen kuni kaafamuu eeruun iyyannoon dhaabbanni isaanii galcheef deebiin hatattamaa akka hinn kaatamin himeera.

Hogganaan warshaa waldaa Sibila Bu’uuraa Itoophiyaa Salamoon Mulugeetaa rakkoon jiru bakka lamatti kan qoodamu ta’uu hima. Tokkoffaa sharafni alaa guutumaatti kennamaa hin jirre yoo ta’u inni lammataammoo, iyyannoon galfamu adeemsa hedduu keessa kan darbu ta’uu hima.

Kana malees, “warshaaleen maallaqa fidhatan kunneen hatattamaan akka deebisan gaafatamu,” Salamoon jedheera.

Hogganaan warshaa keemikaala qonnaa omishu tokko Addis Standardtti akka himetti, daldaltoonni kunneen maallaqa sharafa alaa Baankichi laatu fudhachuuf fedhii hin qaban jedheera.

Sababiinsaan liqeeffattoonni sharafa alaa kunneen gatii guyyaa liqeeffatanii osoo hin taane gatii guyyaa kafalaniitiin deebisanii akka kafalan dirqisiifamu jedheera. Guyyaa iyyannoon itti galfamee kaasee hanga maallaqichi itti laatamuutti hanga ji’a lamaa kan turu ta’uu ogeessi gabaa kuni dubbateera.

Fooya’iinsi diinagdee Adoolessa 28, 2024 taasifame rakkoo sharafa alaa furuuf yaadamee hojiirra kan oole ture.

Foyya’iinsi hojiirra ooluu hordofee gatiin sharafa maallaqa biyya alaa garmalee dabaleera. Haa ta’u malee, jijjiiramni kuni rakkoo hir’ina maallaqa alaa hir’isuu aanga’oonni ibsaa jiru.

Bulchaan baankii biyyaalessaa Maammoo Mihratuu, Fulbaana 2204 keessa gatiin jijjiirraa gabaa idileefi gabaa gurraacha gidduu jiru 100% ture gara 4% gadi bu’uu Fulbaana 2024 keessa himeera.

Ogeessi diinagdee Addis Standard dubbise biraa foyya’iinsi diinagdee kuni mootummaarratti rakkoo uumaa jira jedhe.

Daldaltoonni maallaqa isaaniif ramadame fayyadamuu dhabuun isaanii fedhiin sharafa alaa boodarra akka dabalu taasisuu danda’a jedheera.

Baankiin daldalaa, gamasaatiin, maallaqa sharafa alaa daldaltootaaf ramaduu akka itti fufu beeksiseera. AS

Related Articles

Back to top button