
Finfinnee, Muddee 2024 – Dhaabbanni konkolaataa Chaayinaa BYD jedhamu gosa konkolaataa kompaaktii Haachbaak Seeguliifi Taang SUV dabalatee moodeelota konkolaataa elektirikii baatirii (BEV) shan Itoophiyaa keessatti gurguruu eegaluu beeksiseera.
Dhaabbatichi konkolaataa elektiriikaa anniisaa haaraa (NEV) jedhaman omishuu keessatti qooda guddaa kan qabu yoo ta’u, sagantaa eebba maqaa (brand) dhiheenya kana Finfinneetti gaggeeffameen gabaa seenuu isaa kan beeksisee ture.
Dahbbatihci dhaabbata konkolaataa raabsuun beekamu MOENCO jedhamu wliin ta’uun gosa konkolaataa Toyota dabalatee maqaa 20 ta’u raabsuu eegaleera.
BYDn maamiltoota biyya keessaaf tajaajila bittaa fi suphaa konkolaataa kennuuf wiirtuu tajaajila gurgurtaa boodaafi mana agarsiisaa Finfinnee kutaa magaalaa Qaallittiitti eebbiseera.
“Gabaa Itoophiyaa keessa seenuun kun naannoo Baha Afrikaa keessatti babal’ina BYD keessatti milkaa’ina guddaa agarsiisa,” jechuun Daarektarri Gurgurtaa BYD Afrikaa Raamii Yaa’oo ibsaniiru.
MOENCOn maxxansa miidiyaa hawaasaa irratti tibbana baaseen, dhaabbanni mana agarsiisa konkolaataa haaraa isaa Finfinnee naannoo Maganaanyaa Gamoo Qaal keessatti argamu eebbisuu isaa beeksiseera. Kutaan agarsiisaa kun konkolaattota BYD kan of keessaa qabuudha.
Akka raabsaa hayyama BYD Itoophiyaatti, MOENCOn amma konkolaattota elektirikii mimmiidhagoo fi yeroo dheeraa turuu danda’an, wabii hanga waggaa jahaa yookiin hanga 150,000km konkolaataniifi baatirii hanga waggaa saddeetitti deeggaramu akka dhiyeessu ibseera. Dhaabbatichi amma biyyoota 13fi naannolee guutuu Afrikaa keessatti akka argamu ibseera..
Gabaasni dhiheenya kana Rooyitars baase akka agarsiisutti, BYDn karoora gurgurtaa waggaa konkolaattota miliyoona afur ture caaluun akka addunyaatti lakkoofsa gurgurtaa Hoondaa (Jaappaan) fi Foord (Diitroot) lamaanuu gurgurtaa bara 2024 caaleera.
Gabaasni oduu kun dabalataan akka ibsutti, dhaabbati konkolaataa elektirikii Chaayinaa kun bara 2024 ji’oota kudha tokko jalqabaa keessatti lakkoofsa konkolaattota guruguramanii miiliyoona 3.76 yoo ta’u, Adoolessa keessa qofa gurgurtaan daballii 506,804 agarsiise.
Ministeerri Geejjibaa fi Loojistikii karoora ce’umsa gara konkolaataa eletiriikiitti taasifamuun mootummaan waggoota kurnan dhufan keessatti konkolaattota elektirikii (EV) gara 500,000tti dhiyaatan gara biyyaa galchuuf karoorfachuu Caamsaa bara 2024 beeksiseera.
Akka ibsa ministeerichi baaseetti, karoorri tarsiimoo waggaa 10 jalqabaa bara 2021 hanga 2030 gidduutti tilmaamaan konkolaattota elektirikii 148,000fi baasii elektirikii 48,555 galchuuf kan kaayyeffate ture.Haa ta’u malee, galmi kun waggoota lamaan jalqabaa hojiirra oole keessatti galma ga’eera. Kanarraa kan ka’e, mootummaan tarsiimoo biyyaalessaa fooyyessee, yeroo walfakkaataa waggaa 10 keessatti konkolaataa 439,000 galchuuf galma haaraa kaa’uu isaa ministeerichi ifoomseera. AS