Oduu: Dhiibbaan dhaabbilee siviliirra gahu biyyaa akka baqatan taasisaa jiraachuun himame
Finfinnee, Sadaasa 27, 2024 – Dhiibbaan dhaabbilee siviliirratti gaggeeffamaa jiru dhaabbileen kunneen biyyaa akka baqatan taasisaa jiraachuu Giddugalli Abukaatoo Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksise.
Giddugalichi ibsa guyyaa kaleessaa baaseen, dhaabbilee siviliirratti dhiibbaan taasifamaa jiraachuu ibsuun mootummaan “tarkaanfii barbaachisaa” akka fudhatu gaafateera.
Qorannoofi akeekkachiifni homaatuu osoo hin kennamin dhaabbilee kanneen irratti uggurri taasifamuu eeruun tarkaanfiin fudhatame “adeemsa seeraa kan hin kabajin” ta’uu ibsameera.
Dhaabbileen ugguraman Giddugala Dagaagina Mirgaafi Dimookraasii (CARD), Waldaa Ogeeyyii Seeraa Mirga Namoomaaf Falmaniiifi Wiirtuu Famitoota Mirga Namoomaa Itoophiyaati.
Mootummaan Itoophiyaa, gamasaatiin, xalayaa dhaabbilee kanneeniif barreesseen, ‘”Siyaasarraa walaba ta’u osoo qabanii, kaayyoo isaaniin ala socho’uun gocha fedhii biyyaalessaa miidhurratti bobba’aniiru’’ jechuun dhaabbilee kanneen uggureera.
Amineestii Intarnaashinaal ibsa guyya kaleessaa baaseen, uggurri dhaabbilee kanneen irratti taasifame dhiibbaa dhaabbilee sivilirratti gaggeeffamu kan agarsiisu ta’uu eeruun mootummaan murtee kana akka jijjiiru gaafateera.
Mootummaan sababoota akka “siyaasarraa bilisa ta’uu dhabuu” fi “gochaa dantaa biyyaa miidhu raawwachuu” jedhu daheeffachuun dhaabbilee siiviliirratti dhiibbaa uumaa jiraachuu Amineestiin eereera.
Giddugalli Abukaatoo Mirgoota Namoomaa, gamasaatiin, waggoota sadeen darban keessa “gulaallii odeeffannnoorratti hundaa’e” dhiyeessuu eeruun hoggantoonni dhaabbilee kanneenii bilbilaafi qaamaan humnoota tika nageenyaatiin doorsifamaa turuu ifoomseera.
Hundeessaa Giddugala Dagaagina Mirgaafi iDmookraasii (Card) Obbo Axinaafuu Birhaanee roorroofi sodaachisoo irra gaheen ji’ootaan dura biyyaa bahaniiru jedhame. Kana malees, daayreektara wiirtuu ogeeyyii mirga namoomaatiif falmanii Aadde Edan Fissahaafi kan iddoo saanii bu’an Aadde Masarat Alii akkasuma biyyaa bahuuf dirqamaniiru.
Daaayreeektarri Manna Mariii mirgoota Namooma Itoophiyaa Obbo Daan Yirgaa dhiibbaa qaamoleen tika nageenyaan irra gaheen biyyaa akka baqatan taasifameera. Akkasumas, hojjattoonni dhaabbatichaa biroorra dhiibbaan gahaa jiraachuu eerameera. Rakkooleen akkasii kunneen furamuu dhabuun dhaabbilee kanneen abdii kutachiisuun himameera. Dhaabbileen kunneen akeekkachiisa tokko malee ugguramuun hojjattoota dhaabbatichaarratti rifaatuu uumeera jedhame.
Dhaabbileen sivilii kunneen hirmaannaa falmii mirgoota namoomaaf taasifaman irratti dhiibbaa kan uumuufi dirree falmii mirga namoomaa kan dhiphisuu ta’uu eerameera. Akkasumas, dhaabbilee sivilii kanneeniif tikni akka taasifamu gaafatameera. AS