DALDALAODUU

Oduu: Finfinneen bara 2035 magaalota Afrikaa giddugala diinagdee ta’an keessaa tokko akka taatu raagame

Finfinnee, Fulbaana 16, 2024 – Bara 2035tti Finfinneen magaalota Afrikaa giddugala diinagdee ta’an keessaa tokko akka taatu raagni Kutaa Odeeffannoo Ogeeyyii Diinagdee baase agarsiise.

Akka gabaasichaatti, bara 2035tti Finfinneen magaalota Afrikaa giddugala diinagdee ta’an Afrikaa kan akka Braazaavil, Daar Es Salaamiifi Luwaandaa keessaa tokko ni taati.

Magaalonni gurgudddoon Afrikaa kan akka Kaayiroo, Leegoosiifi Joohaansbarg olaantummaa diingadee ni tikfatu jedhamee yeroo yaadamutti, gabaasni mata duree Magaalta Afrikaa 2035 jedhuun bahe akka agarsiisutti magaalonni guddina giddugaleessa ta’e qaban kan akka Finfinnee guddina saffisaa akka agarsiisan raageera.

Guddinni kuni misoomaalee bu’uuraa, guddina magaalummaafi magaalonni dhiyootti argaman guddachaa dhufuun kan walqabatu ta’uu ibsameera.

Finfinneen magaalota giddugala diinagdee guddaa ta’uun beekamtii argachuu hordofee bara 2035tti guddina dijitii dachaa akka galmeessiftu eerameera. Karaa biraatiin, magaalonni akka Naayroobiifi Abuujaa yeroo wal fakkaataa keessatti guddina 6% hanga 8% kan agarsiisan ta’uu tilmaamameera.

Sababa godaansa baadiyyaa gara magaalaa taasifamuun baay’inni uummata magaalota Afrikaa saffisaan dabalaa jiraachuu gabaasichi eereera.  

“Ummanni magaalaa Afrikaa bara 2023 miliyoona 650 ture bara 2035ti gara biliyoona tokkootti ni guddata. Afrikaanonni 50% ol ta’an magaalota keessa jiraatan bara 2035 guddina waggaa dachaa 3.5% ta’u ni agarsiisu,” gabaasichatu jedhe.

Haa ta’u malee, baay’inni uumata magaalaa kuni rakkoolee akka garmalee baay’achuu uummataa, babal’achuu qubsuma seeraan alaafi hojii dhabdummaa tajaajila magaalonni kennan irratti dhiibbaa akka uuman eerameera.

Gabaasni kuni kan ifoome Fooramiin Magaalota Afrikaa tokkoffaan torban darbe keessa Fulbaana 4 hanga 6tti Finfinneetti gaggeeeffamaa ture goolabamuu hordofeeti.

Fooramii kanarratti aanga’oota, bulchiinsa magaalotaa, hayyoota, seera tumtoota, gaggeessitoota hawaasaa biyyoota Afrikaa 47 irraa walitti qabaman hirmaataniiru.

Marii guyyoota sadii oliif gaggeeffame kanarratti, akkaataa Ajandaa Afrikaa 2063 kan guddina magaalotaa itti fufaa argamsiisuu jedhu dhugoomsuun itti danda’amurratti kan fuulleeffate ta’uun barameera.

Deetaan ministeera guddina magaalaafi misooma bu’uuraa Heelan Dabbabaa turtii miidiyaa mootummaa waliin taasifteen guddinni magaalota Afrikaa dabalaa dhufuu ibsuun guddina kaan simachuuf ijaarsi misooma bu’uuraa barbaachisaa ta’uu dubbateerti.

“Misooma bu’uuraa saffisiisuun magaalonni jiraattotaaf mijataa akka ta’aniifi kenniinsa tajaajila fooyya’aa mirkaneessuun barbaachisaa dha,” Heelaniitu jedhe.

Itoophiyaanonni 23% ta’an magaaalota akka jiraatan gabaasni mul’iseera.

Itoophiyaan jiraattota baadiyyaa hedduu qabaattus sababa godaansa baadiyyaarraa gara magaalaatti taasifamuun uummanni magaalaa dabalaa jira. Jijjiiramni qubsumaa kuni rakkoolee hawaas-diinagdee kan akka hojii dhabdummaatiin kan walqabatuudha.

Qorannoon Fandii Uummataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii tokko akka agarsiisetti, godaansi baadiyyaarraa gara magaalaa taasifamu bara 2021 keessa 32.2% gahuu ifoomseera. AS

Related Articles

Back to top button