DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Gamtaan Awurooppaa hojii namoomaa weerara Koleeraa Itoophiyaatti taasifamu deeggaruuf Yuuroo miiliyoona 1 kenne

Finfinnee, Sadaasa 10/2023 – Gamtaan Awurooppaa Itoophiyaatti Hagayya 2022 irraa eegalee lammiilee hedduu galaafachaa kan jiru weerara Koleeraan walqabatee gargaarsa namoomaa godhamaa jiru deeggaruuf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 1 kennuu beeksise.

Maallaqni rakkoolee tasa uumamaniif deebii kennuudhaaf yaadamee Gamtaa Awurooppaa irraa argame kun akka qaama sagantaa gargaarsa namoomaa Gamtaa Awurooppaatti hawaasa saaxilamoo ta’aniif naannoolee balaan kun mudatee fi bakka biroo biyyattii keessatti kennamuu kan eegalame ta’uu eerameera.  

Akka ragaan biyya keessaa agarsiisutti, erga weerarri jalqabee booda namootni 26,000 ol dhibee Koleeraatin qabamanii dhaabbilee fayyaa kan dhaqan yoo ta’u, isaan keessaa namoonni 370 ol du’aniiru. Weerarri koleeraa kun naannoolee duraanuu sababa walitti bu’iinsa ykn balaa haala qilleensaatiin walqabatee gargaarsa namoomaa olaanaa isaan barbaachisu keessatti rakkoo dabalataa itti ta’eera.

Haalli kun rakkoo haala qilleensaatiin daran hammaataa jira. Dhiibbaan El Ninoo hanga Caamsaa 2024tti akka itti fufuu danda’u tilmaamamu walqabatee, kunis naannoolee lafa gadi aanaa biyyattii keessatti haala qilleensaa barame caalaa jiidha qabu fiduudhaan, naannoowwan yeroo ammaa weerarichaan miidhaman keessatti lolaa hamaa geessisuu ni hammeessa jedhamee sodaatameera.

Gamtaan Awurooppaa, maallaqni gargaarsa namoomaa dabalataa kun dhaabbileen gargaarsa namoomaa wal’aansaa fi ittisa koleeraa naannolee dhibee kanaan qabaman keessatti hojii isaanii akka guddisan kan gargaaru ta’uu ibsameera.

Kunis, dhaabbilee fayyaa fi wiirtuuwwan wal’aansaaf deeggarsa taasisuu, raabsa meeshaalee fayyaa, leenjii hojjettootaa, tajaajila bishaan qulqulluu fi qulqullina naannoo fooyyessuu, barmaatilee qulqullinaa gahaa ta’an guddisuu fi hirmaannaa hawaasaa guddisuu akka dabalu ibsameera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button