ODUUSIYAASA

Oduu: Godina Arsiitti waggaa tokko keessa "lammiileen nagaa hedduu ajjeefaman”- Mana Marii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa

Finfinnee, Muddee 09/2024 – Naannoo Oromiyaa godina Arsii aanaa Sharkaatti bara darbe keessa lubbuun namoota hedduu darbuu Manni Marii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibse.

Manni Marichi ibsa Sadaasa 30, 2017 ALI baaseen, naannoo Oromiyaa godina Arsii aanaa Shirkaatti lubbuun maanguddootaa, daa’immaniifi dubartoota hedduu darbuu ibseera. Gandoota aanichaa 21 keessatti namoonni lakkoofsaan danuu ajjeefamuufi mirgi sarbamuu beeksise.

Sarbama mirga namoomaa naannichatti mudate itti dhiyeenyaan akka qoratu kan ibse manni marichi, mootummaan naannolee mirgoota namoomaa lammiilee akka kabachiisan gaafateera. Hojiin dursanii yakkoota kanneen ittisuu akka raawwatamu waamicha taasiseera.

Yakkoota kanneeniif itti gaafatamummaan akka mirkanaa’uufi yakkamtoonni seeraan akka gaafataman akka taasifamu MMMNI gaafateera.

Godina Arsiitti haleellaa raawwatameen lammiileen sagal ajjeeffamuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Haleellaa kana kan raawwate hidhattoota Waraanaa Bi;isummaa Oormooti himata jehdus baanamee ture.

Bara 2016 keessa haleellaawwan raawwtaman lamaan lubbuun namoota darbuu akkasuma Addis Standard gabaasee ture. Haleellaan kuni hordoftoota amantaa Ortodooksiirratti kan fulleeffateedha jedhe.

Haleellaan raawwatameen namoonni 80 ol ajjeefamuufi haleellichi amantootarratti fulleefatu ta’uu tajaajiltoota mana amantichaa godina Arsii Lixaatti argamuu himanii ture. AS

Related Articles

Back to top button