Oduu: Godina Koreetti haleellaa hidhattoonni raawwataniin namoonni 2 ajjeefaman

Finfinnee, Muddee 23, 2024 – Naannoo Kibba Itoophiyaa aanaa Gorkaa ganda Qoreetti haleellaa hidhattoonni guyyaa kaleessaa raawwataniin qonnaanbultoonni lama “haala sukaneessaan” ajjeefamuu aanga’aafi jiraattonni himan.
Jiraataan dhimmichatti dhiyeenya qabu maqaansaanii akka eeramne gaafate Addis Standard’tti akka himetti, haleellaan kuni kaleessa galgala naannoo sa’aatii 11:00’tti raawwatamuu hima.
“Haleellaan kuni kalessa naannoo sa’aatii 11:30tti raawwatame, Hidhattoota Shanee godina Gujii Lixaatii dhufaniidha,” jechuun qonnaabultoonni loon tiksaa turan lama hidhattoota kanneeniin ajjeefamuu jiraataan kuni eereera. Maqaan qonnaanbultoota ajjeefamanii Yunuus Usmaaniifi Buchutee Maasrashaa kan jedhaman ta’uu eerameera.
Ajjeechaan kuni “haala sukaneessaa ta’een” kan raawwatame ta’uu kan himan, “jalqaba qawweedhaan erga ajjeesanii booda namoota kanneen billaadhaan cicciraniiru. Gochaan raawwatame kuni garmalee sukaneessaafi saalfachiisaadha,” jedheera.
Naannichatti bara 2009 ALI irraa kaasee haleellaan wal fakkaataan raawwatamaa turuu eeruun “hidhattoonni Gujii kunneen daangaa ce’anii dhufuun namoota nagaa ajjeessaa turuu himuun hidhattoonni kunneen gochaa akkasii kan raawwatan “hawaasni naannichaa mootummaarratti akka ka’uufi bulchiinsa jiru aangoorraa kaasuuf fakkaata,” jedhanii kan amanan ta’uu jiraattonni himan.
Jiraataa biraa Addis Standard dubbise haleellaan raawwatamuun mirkaneessuun miidhamtoonni kunneen Ganda Qoree iddoo addaa Caaffaa jedhamutti loon tiksaa osoo jiranii“ hidhattoota eenyummaansaanii adda hin baafaminiin ajjeefamuu dubbateera.
Haleellaa kana hordofee hawaasni naannichaa sodaa nageenyaa keessatti akka argamu jiraataan kuni eereera.
Kana malees, naannichatti haleellaan irra deddeebiin mudachaa turuu himuun bulchiinsi naannichaa milishaa kan leenjise ta’us haleellaa kana dhaabsisuu kan hin dandeenye ta’uu jiraattonni himaniiru.
Itti aanaan bulchaa bulchiinsa aanaa Korkaa ganda Qoree Obbo Dastaayee Yohaannis, gamasaatiin, qonnaaanbultoota lamaaniin alatti namni tokko ajjeefamuu eeruun torban kana keessa qofa lammiileen nagaa sadi “hidhattoota Shanee Gujiirraa dhufaniin” ajjeefamuu himu. AS