ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Godina Qeellam Wallaggaatti dargaggoo afran to’annoo jala turan keessaa tokko ajjeefamee gatamuu jiraattonni himan

Finfinnee, Fulbaana 13/ 2023 – Dargaggoota afran Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Anfillootti Hagayya 22, 2023 miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaatiin “buutamanii turan” keessaa inni tokko erga ajjeefamee booda reeffi isaa gatamee argamuu jiraattonni Addis Standard dubbise himan.

Odeefffannooo jiraattota ganada Suddii irraa argame akka mul’isutti, dargaggoonni “humnoota nageenyaa mootummaatiin butaman” jedhaman kanneen barsiisaa Hundee Bantii, Firaa’ol Biniyaam, Daangaa Daadhii fi Waaqtolaa Darajjee jedhamu.

Jiraataa aanaa Anfilloo ganda Suddii kan ta’e maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standarditti akka himetti, miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa godina Qeellam Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Suddii jedhamu keessaa dargaggoota afur butanii fudhachuun gara kaampii RIB magaalaa Ashii keessatti argamu geessuun torban tokkoof erga “dararanii” booda gara waajjiira paartii Badhaadhinaa magaalaa Dambi Doollootti argamuutti dabarsuu himeera. 

“Maatii ijoollee kanaa waajjira paartii Badhaadhinaa magaala Dambi Doollootti argamu dhaqanii gaafataniis deebii tokkoyyuu namni kenneef waan hin jirreef akkaataa ijoolleen kunneen irratti argaman beekuun hin dandeenye. Maatiin ijoollee kanneen gaafachuu yeroo dhaqutti deebiin kenname doorsisa “isinitti itti dabalamtu”  jedhu ture,” jedha jiraataan gandichaa Addis Standard dubbise kun.

Dargaggoo afran keessaa kan maqaansaa Daangaa Daadhii jedhamu Jimaata darbe halkan baafamee iddoo Yuunivarsitii Dambii Doollootti dhiyoo argamu Miinkoo jedhamutti ajjeefamee reeffasaa achumatti gatamuu jiraataan kun himeera. “Maatiin dargaggoo kanaas reeffasaa bakkeedhaa fudhatanii awwaalan,” jedhe.

Jiraataan ganda Suddii biraa gocha ijoollee kanneen irratti raawwatame jedhame kana mirkaneessuun, sababiin ijoolleen kunneen itti dararaman “himata dhugaa hin taane kan miseensota abbaa torbeeti” jedhu ta’uu eereera. 

Kana malees, namoota akka tasaa uffata gurraacha uffatanii fi rifeensa haaddatanii magaalaa Dambii Doolloo keessa deeman “sababa tokko malee” hidhaa jiraachuu dabalee himeera.

Haala ijoolleen sadeen hafan irra jiran maatiin kan hin beekne ta’uu fi qaamni dhimmi ilaalatu hordofee furmaata barbaachisaa akka laatu gaafachuun, “ajjeechaa fi dararrii ilmaan Oromoo irratti taappeellaa garaagaraa dhoobuun raawwatamu” akka dhaabbatu gaafateera.   

Dhimma kana ilaalchisee Waajjira Nageenyaa Godina Qeellam Wallaggaa irraa deebii argachuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button