DALDALAODUU

Oduu: Haaromsi dinagdee “ulfaataan” Itoophiyaan taasifte "bu’aa guddaa" argamsiisuuf akka jiru hoggantuun IMF ibsite

Finfinnee, Guraandhala 10, 2025 –  Daarektarri Olaanaa Fandii Maallaqa Idil-addunyaa (IMF) Kiriistiinaa Joorjiivaa rakkoon “cimaan” jijjiirama diinagdee guddaa Itoophiyaa mudachuu eeruun rakkoo kana furuuf “yeroo fudhata” jetteerti.

Kiriistiinaan daawwii guyyoota lamaa tibbana Itoophiyaatti taasifte booda, ibsa miidiyaaf laatteen, bu’aa jijiirama kanaa argachuuf ummanni biyyattii “tokkumaasaa akka tiksu” jechuun jijjiiramni kuni “bu’aa guddaa” akka argamsiisu ta’uu dubbatteerti.

“Sagantaan jijjiiramaa Itoophiyaan eegalte ulfaataadha, yeroos kan fudhatuudha. Haa ta’u malee, badhaasa hedduu ni fida,” Joorjiivaatu jedhe.

“Itoophiyaan wantoota ittiin boontu hedduutu jira,” jechuun guddinni diinagdee 8.1% bara darbe galmeeffame isa IMF tilmaame 6.1% ture caaluu dubbatteerti.

Daawwiin Joorjiivaan taasifte kuni haaromsa gibiraa biyyattiin dhiheenya kana raggaasisuun rakkoo sirna gibiraa dhabamsiisuufi gibira bilisaa irratti sirreeffama taasisuuf murteessuu hordofeeti.

IMF gabaasa Amajjii 29, 2025 dhiyeesseen meeshaalee alaa galan irra qaraxa kaa’uun galii gibiraa guddiisuu dabalatee  jijjiirama diinagdee guddaa Itoophiyaan adeemsisaa jirtuufi konkolaataa motoraa irra gibira kaa’uu hordofeeti.

Haa ta’u malee, gochaan Itoophiyaan galii gibiraa guddisuuf jijiirama diinagdee guddaan adeemsisaa jirtu maatiilee galii gadiaanaa qaban irratti dhiibbaa “humnaa ol ta’e” uumuun qaala’iinsa jireenyaa hammeesseera.

Jijjiiramni diinagdee akka gatii humna ibsaa dabaluu, gibira dabaluufi gatiin tajaajilaa ol ka’uun maatiilee galii gadiaanaa qaban dhiphisuu Addis Standard gabaasee ture. Qaala’iinsa jireenyaa too’achuufi mindaa hojjattoota mootummaa sirreessu haa yaalu malee sirreeffamni kuni namoota galii gadiaanaa qaban daran kan hubu ta’uu ogeeyyiin ni himu.

Qaala’iinsa jireenyaa salphisuuf “tattaaffiin hunda hammataan” taasifamu akka qabu yeroo ibsa kenniteetti Joorjiivaan eerteerti. Jijjiiramni imaammataa kunneen invastaroota biyya alaa gara biyyaa harkisuun diinagdee guddisuuf gahee akka taphatan himteerti.

Gabaasa biraa IMF baaseen, walakkaafi xumura bara 2025 keessatti qaala’iinsi jireenyaa Itoophiyaa 25% akka gahu shallageera. Haa ta’u malee, bara 2028 gara dijiitii tokkootti gadi akka bu’us tilmaameera.  Qaala’iinsi jireenyaa nyaataafi nyaata hin ta’inii ji’a Fulbaana keessa 19% ture Sadaasa keessa gara 17% gadi bu’uu odeeffannoon mootummaan baase mul’iseera.

Daawwannaa taasifte kanaan Joorjiivaan MM Abiy Ahmad, Ministeera Faaynaansii Ahmad Shideefi bulchaa baankii biyyaaleessaa Maammoo Mihratuu (PhD) qunnamteerti.

“Gargaarsa teeknikaafi faaynaansii IMF itti fufiinsaa nuuf taasisaa jiruuf beekamtii ni kennina. Tattaaffii joorjiivaan akka nama dhuunfaatti jijiirama diinagdee keenya tumsuuf taasiftus akkasuma,” MM Abiy maxxansa miidiyaa hawaasaarrattti dhoobeen jedheera. “Bu’aan sagantichaa hanga ammaatti bu’a-qabeessaafi kan hamilee namatti horuudha.”

Itoophiyaan ji’oota jahan darban keessa imaammata jijjiirama diinagdee maallaqaa, sharafa alaafi seektara faaynaansii hojiirra oolchaa turteerti.

Murteen kuni gabaa sharafaa alaa walaba ta’e kan xumura Adoolessa 2024 keessa hojiirra oolee ture of keessatti hammata. Jijjiramni kuni yaalii Itoophiyaan deeggarsa maallaqaa Breetan Wuuds kan akka IMFfi baankii addunyaarraa argachuuf taasiftuun kan walqabatuudha.

Itoophiyaan bara 2021 kaasee gargaarsa gaafachaa turtus biliyooonni $3.4 kan eeyyamame Hagayya 2024 keessa ture. Gulaaalliii liqii Itoophiyaa marsaa lammaffaa goolabuu Amajjii 17, 2025 IMF ifoomsee ture. Maallaqa biliyoona $1.611 Itoophiyaaf gadhiisee ture.

Baankiin biyyaalesssaa ibsa miidiyaa hawaasaarratti baaseen, gargaarsi maallaqaa IMF taasisaa jiru murteessa ta’uu eeruun “gahee biyyattiin qabdu 850% kan wal gitu“ ta’uu ibseera. Baankichi gargaarsi kuni gargaarsa kanaan dura biyyattiif taasifame akka caalu ibsameera. “Kunis [Gargaarsi IMF] kuni jijjiirama diinagdeefi imaammataatiif ragaadha,” baankichi jedheera. AS

Related Articles

Back to top button