ODUUSIYAASA

Oduu: Haleellaan Aanaa Noonnoo “golgaa Raayyaan Ittisa Biyyaa kenneefiin” hidhattoota Faannootin raawwatame: ABO

 Finfinnee, Waxabajjii 19/2024 – Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) haleellaa boombii torban darbe godina Shawaa Lixaa aanaa Noonnootti mana cidhaarratti raawwatame balaaleffate. Paartichi haleellaa kanaan “yakka waraanaa ulfaataafi hammaataa ummata meeshaa maleeyyii irratti raawwate” jechuun ibseera. 

ABOn haleellaa lubbuu namoota 24 ol galaafate kana ilaalchisee ibsa kaleessa Waxabajjii 18 baaseen, haleellaa kanaan hidhattoota Faannoo fi Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) “weerara qindaawaa banan” jechuun yakkeera.

“Ummata sirna fuudhaa fi heerumaa gaggeeffatu cidharra jiru manatti itti cufuun boombii itti darbatanii guban, kanneen lubbuu baafachuuf sochii taasisaa turanis rasaasa itti dhukaasuun lubbuu galaafatan,” kan jedhe ABOn, walumaagalatti namoonni 20 boombiin gubachuu fi namoonni 4 ammoo rasaasaan rukutamanii lubbuun bahuu mirkaneessuu ibseera.

Hidhattoonni Faannoo haleellaa kana raawwatan meeshaalee waraanaa gurduddaa hidhatanii akka turan kan ibse ABOn, “yakki namoomaa kun golgaa Raayyaan Ittisa Biyyaa kenneefiin hidhattoonni Faannoo akka ummata keenya jumlaan fixaniif daandii saaqe,” jedhe.

Komaand Postiin Aanaa Noonnoo Obbo Tashoomaa Sobboqaa yaada BBC’tti laataniin, haleellaa kana qaamolee isaan “finxaaleyyii Amaaraa” jedhan raawwachuu mirkaneessuun, namoonni ajjeefaman mana cidhaa keessa duubaan itti cufamee boombiidhaan haleelamuu himan.

“Misirroota dabalatee hundu achuma keessatti gubatan, homtuu hin hafne,” kan jedhan Obbo Tashoomaan, ergasii humni ittisaafi komaandoo naannicha galuun haala jiru tasgabbeessaa jiraachuu himan. 

Addi Bilisummaa Oromoo ibsa isaatin, “lola qindaawaa waraana mootummaa fi hidhattoota Faannoo uummata meeshaa maleeyyii irratti banan cufti ba’aan isaa ummata keenya irratti walgahuun gaaga’ama ulfaataaf saaxileera. Ummanni keenya rakkoo lakkuu keesummeessaa jira. Kun ammoo yeroo kam iyyuu caalaa, Adda Bilisummaa Oromoo akkaan yaaddessa,” jedha ibsichi.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Paartichi, “gocha suukanneessaa, yakka waraanaa ulfaataa fi hammaataa” kun qaama kamiinuu balaaleffatamuu akka qabu eeruun uummatni Oromoo, jaarmiyaalee sivilii, dhaabbilee mirga namoomaa fi hawaasni idil addunyaa gocha kan akka balaaleffatan wamicha dhiyeesseera. 

Gareen hidhattoota Faannoo Oromiyaa keessatti haleellaa raawwachuun lubbuu namoota yeroo galaafatu kun kan jalqabaa miti.

Torban darbe Waxabajjii 15, 2024 haleellaa hidhattoonni Faannoo godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti raawwataniin yoo xiqqaate lubbuun namoota afur darbuu Addis Standard jiraattota fi aanga’oota wabeeffachuun gabaasuu ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button